• Tue. Sep 1st, 2026

Godina Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa maallimmaa keessatti waraanni maafi’aa PP namoota nagaa 6 ajjeesuun dhaga’aame

Jan 1, 2024

ONM-ABO Amajjii 1, 2024

Bilxiginnaan duula fixiinsa sanyii ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiruun waggootan jahaan erga aangootti dhufee kaasee Oromiyaa golee afran keessatti namoota siyaasa kam hin hordofne ba’uu fi galuu isaanii hordofee manneen hidhaa galchee maallaqa Kan gaafatu yoo ta’u, kanneen maallaqa gaafataman dhaban ammoo ajjeechaa irratti geggeessaa jira

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimmaa gandoota adda adda irraa jiraattota qabanii ganda Adaadii Maaramii keessatti hidhaanii kan turan dheengadda Muddee 30, 2023 galgala irraa baasuun dargaggoota 6 hidhaa irraa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesan jedhu.

namootni ajjeefaman muraasni maqaan isaanii Gobbuu Miidhagsaa ganda Awwaash Faltee irraa, Kabbadaa Roobee ganda Awwaash irraa, Dararaa Damee ganda Tamsa’aa Gololee irraa fi   Kabbadaa Baaruu ganda Harbuu Waabarii irraa baasuun akka ajjeesan jiraattotni ONMtti himaniiru.

Yeroo ammaas namootni danuun hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun isaanii kan beekame yoo ta’u, gochi sirni bilxiginnaa dinagdee dhuunfaa fi dhaaba  isaaniif jecha ilmaan Oromoo lubbuu isaanii baasaa jiranii kun ilmaan Oromoo irraa hin dhaabbatu taanan duguuggaan sanyii bara mootota abbaa irree dabranii caalaa ta’uun isaa waan oolu miti jechuun jiraattotni yaaddoo qaban ibsataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading