ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Injifannoo WBOn haga ammaatti Oromiyaa keessatti waraana gabroomfataa PP irratti taasisaa jiruun sirni bilxiginnaa rifaatuu keessa seenuun tarkaanfii badii ilmaan Oromoo irratti fudhachuu jabeessaa jiru.
Akkuma kanaan Muddee 29, 2023 lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Buukee Akkachee irraa ogeessi fayyaa Beeyladaa kan maqaan isaa Habtee Alam-Tafarii jedhamu gara bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa qorichoota beeyladootaaf barbaachisu bitachuu kan deeme yoo ta’u, waraanni faashistii PP ogeessa kana qabuun qorannoo tokko malee galgala irraa naannoo ganda Guyyoo Saccii bakka addaa Kussi Bal’aa jedhamutti geessuun toora sa’aa 2:00tti ajjeesanii akka gatan himame.
Namootni itti siqeenyaan dhimma Habtee hordofaa turan akka jedhanitti, Habteen hawaasa naannoo isaa biratti jaalala guddaa nama qabuu fi ogummaa qabuun hawaasa bira nama dhaabbatuudha malee tuttuqaa siyaasaa keessaa homaa quba kan hin qabne yoo ta’u, rakkoon murni bilxiginnaa qabatee yeroo ammaa mul’achaa jiru duguuggaa sanyii raawwachuu qofaadha jechuun dubbatu.


