• Tue. Jan 13th, 2026

Hogganaan paartii mormituu Chaad duraanii Muummicha Ministeeraa mootummaa ce’umsaa ta’uun muudaman 

Jan 2, 2024

ONM- ABO Amajjii 2, 2024

Mootummaan ce’umsaa Chaad hogganaa mormituu duraanii Saksiis Masra, kan dhiheenya kana baqattummaa irraa gara biyyattiitti deebi’e, muummicha ministeeraa taasisuun muude.

Masraan gara bulchiinsa siiviiliitti ce’uudhaan akka tajaajilu barreessaan olaanaa haaraa  pirezidaantii Chaad kan ta’an Mahamat Ahmad Alhabo Wiixata  kaleessaa ibsaniiru.

Pireezidaantiin paartii ”The Transformers ” kan ta’an Masraan Waggoota 30f biyyattii hoogganaa kan turan Idris Deby Itno erg du’anii booda Ebla bara 2021 aangootti kan dhufan buchiitoota Waraanaa cimsee mormeera.

Ji’a darbe rifarandamii heera haaraa irratti gaggeeffameen, hirmaattonni dhibbeentaa 86 “eeyyee” jechuun sagalee kan kennan yoo ta’u,  Masraan deeggartoonni isaa heera mootummaa kanaaf sagalee akka kennan gaafataniiru. Kunis  filannoof karaa ni saaqa jedhamee eegama.

Raggaasifamuun isaa xumura ce’umsaa ni saffisiisa jechuun kan falman yoo ta’u, mormitoonni hafan ammoo lammiileen Chaad “lakki” jedhanii akka sagalee kennan ykn rifarandamii akka ugguran gaafatanii turan.

Masraan Onkoloolessa bara 2022tti mormii bulchitoota waraanaa irratti geggeeffamee tarkaanfii fudhatameen namoonni kudhanootaan lakkaa’aman erga ajjeefamanii Chaad irraa baqatee ture.

Angawoonni akka jedhanitti guyyaa sana namoonni gara 50 kan ajjeefaman yoo ta’u, paartileen mormitootaa fi dhaabbileen miti mootummaa ammoo namoonni 100 hanga 300 ta’an akka ajjeefaman himaniiru.

Namoonni ajjeefaman hundi jechuun ni danda’ama waraanaa fi poolisiin magaalaa guddoo Nijaameenaa keessatti rasaasaan rukutamaniiru.

Masraan Onkoloolessa 31 magaalaa guddoo Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Kiinshaasaatti waliigalteen araaraa erga mallattaa’ee booda Sadaasa 3 baqattummaa irraa kan deebi’e yoo ta’u, kunis dandeettii sochii siyaasaa irratti hirmaachuu isaaf wabii ta’eera.

Haa ta’u malee, paartileen mormitootaa hedduun Masraa irraa of fageessuun waa’ee dhiifama waliigalaa sirnichi “lammiilee Chaad, namoota nagaa fi waraana” taateewwan mormii Onkoloolessa 2022 keessatti hirmaatan hundaaf kenne irratti dubbachuu Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading