• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti qonnaan bulaa tokko ajjeesan 

Jan 2, 2024

ONM- ABO Amajjii 2, 2024

Waraanni maafi’aa PP aangoo Abiy Ahimed akka tiksaniif baadiyaan Oromiyaa osoo hin hafne itti bobbaa’anii goolaa jiran, kaleessa Amajjii 1, 2024 qonnaan bulaa tokko godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti ajjeesan.
 
Qonnaan bulaan aanaa Gidaamii magaalaa Somboo keessatti ajjeefame kun maqaan isaa Mirgisaa Angaasuu Tarfaasaa kan jedhamu yoo ta’u, namni kun badii tokko qabaatee osoo hin taane Oromummaan yakkamee mana isaatii baafamuun akka ajjeefame jiraattotni dubbatu.
 
Murni faashistii PP dhiiga ilmaan Oromoo akka fedhe dhangalaasaa, lubbuu kumootaan balleessaa fi hidhaa jumlaan dararaa jiru, aanuma Gidaamii ganda Maleekkoo Manaamoo keessatti amantoota Waldaa Makkaana Yesuus keessatti kadhata irra turan 9 halkan tokko ajjeesuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading