• Tue. Jan 13th, 2026

Ameerikaan gareen Finciltootaa Huutii haleellaa dooniiwwan Galaana Diimaa irratti raawwatan akka  dhaabbatan yoo kan hin dhaabne ta’e, tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka dandeessu  akeekkachiifte 

Jan 5, 2024

ONM-ABO Amajjii 5, 2024

Ameerikaa fi michoonni ishee 12 finciltoonni Huutii haleellaa dooniiwwan Galaana Diimaa irratti raawwatan akka dhaabbatan ykn tarkaanfiin waraanaa akka isaan mudatu akeekkachiisa dhumaa Roobii darbe kennaniiru.

Hidhattoonni Yaman keessa jiraatan kun Muddee 19 irraa eegalee waraana Israa’el fi Hamaas Gaazaa keessatti geggeeffameef deebii kennuuf yoo xiqqaate haleellaa 23 raawwataniiru.

Qondaalli olaanaa bulchiinsa Baayiden tokko ibsan kennaniin yoo haleellaan kun itti fufe maal akka raawwatan hin ibsine.

Qondaalli Waayit Haawus kana kan dubbatan, biyyoonni kunneen jalqaba Roobii ibsa waloo haleellaa kana balaaleffachuu fi obsi idil-addunyaa cimaa ta’uu hubachiisinii osoo hin turini.

Ibsa kana Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Baahireen, Beeljiyeem, Kaanaadaa, Deenmaark, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Nezerlaand, Niwuu Ziilaand, Singaapoor fi Yunaayitid Kingidam mallatteessaniiru.

Addatti ammoo U.S. Roobii dheengaddaa  Mana Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii Huutii irratti tarkaanfii akka fudhatu gaafachuun, dhimma Iraan finciltootaaf deggarsa kennaa jirtu irrattis akeekkachiisteetti.

“Ergaan keenya amma ifa haa ta’u: haleellaan seeraan alaa kun hatattamaan akka dhaabbatuu, dooniiwwanii fi hojjettoonni doonii seeraan ala hidhaman akka gadhiifaman gaafanna,” jedhan.

Torban hedduudhaaf Huutiin dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran kanneen Israa’eel waliin hidhata qaban ykn gara buufata doonii Israa’elitti qajeelan jedhan irratti haleellaa raawwachuu isaanii himaa turan.

Tarkaanfiin kun erga Onkoloolessa 7 haleellaa Hamaas Israa’el irratti fudhateen booda garee hidhattoota Hamaas irratti Israa’el geggeessite irra ka’uun dooniiwwan daldalaa daandii murteessaa Bab el-Mandeb jedhamu kan gabaa Eeshiyaa fi Awurooppaa walitti hidhu keessa darban irratti kan xiyyeeffateedha.

U.S fi michoonni ishee sochii doonii eeguuf Operation Prosperity Guardian kan ijaaran yoo ta’u, yeroo ammaa kana dooniiwwan waraanaa Ameerikaa, Faransaayii fi Yunaayitid Kingidam irraa dhufan naannoo sana sakatta’aa jiru. Dilbata  darbe helikooptaroonni U.S. finciltoota Huutii irratti tarkaanfii fudhachuun dooniiwwan Huutii 3 dhidhimsuun loltoota isaanii 10 ajjeesuu Associated Press gabaasee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading