• Tue. Jan 13th, 2026

Hogganaan waraana Sudaan al Burhan Humna Deggersa Saffisaa waliin araarri hin jiru jedhan

Jan 6, 2024

Tattaaffii nagaa godhamuu jiru kuffisuun higganaan waraana Sudaan Abdel Fattah al-Burhan lola ji’oota sagal  waraana Sudaan fi Humna Deggarsa Ariifataa (RSF) gidduutti geggeeffamaa ture akka itti fufuuf waadaa galan.

Hogganaan RSF Mohamed Hamdan “Hemedti” Dagalo jalqaba torban kanaa yaada dhukaasa dhaabuu gareewwan siiviilii dhiyeessan irratti waliigalanii turan. Garuu taajjabdoonni waadaa humna waraanaa gartokkee RSF’n kanaan dura hin raawwatamne ilaalchisee isaa marsaa kanaa irraas shakkii qabaachuu himaniiru.

”Humnoonni finciltootaa kun yakka waraanaa fi  dhala namaa irratti raawwatan Lixa Daarfurii fi Sudaan bakkoota biroo keessatti addunyaa guutuun argee ture. Sababa kanaaf, isaan waliin araara hin qabnu, walii galtee hin qabnu,” jechuun hogganaa biyya Sudaan kan ta’an al-Burhan loltoota Poort Sudaan keessatti walitti qabamaniif viidiyoo Jimaata kaleessaa waajjirri isaanii irraa gadhiisaniin dubbataniiru.

Duguggaa sanyii  uummata magaalaa Daarfuur Dhihaa El Geneina fi naannoo ishee keessatti raawwatame eeraniiru.

Ameerikaan waraana Sudaanii fi RSF yakka waraanaatiin kan himatte yoo ta’u, RSFn yakka dhala namaa irratti raawwatamuu fi saba qulqulleessuutiinis itti gaafatamummaa qaba jetti.

Waraanni Ebla 15 eegale kun Sudaan keessaa bakkoota hedduu kan barbadeessee fi namoota miliyoona 7.5 ol qe’ee isaanii irraa buqqisee jira jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading