ONM-ABO Amajjii 6, 2024
Waraanni namoota nagaa ajjeesuun gootummaa itti fakkaatu, ajaja koloneel Abiy Ahimed fudhachuun, Oromiyaa dirree dhiigaa gochaa Kan jiran yeroo ammaa, ilma Oromoo kan ta’ee fi dhiigni Oromummaa kan Keessa jiru cufa, hariiroo WBO waliin qabda maqaa jedhu barjaa godhatanii ajjeechaa hammeessuun uummata Oromoo goolaa jiru.
Amajjii 3, 2024 godina Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti dargaggoo hojii isaa hojjetu kan gaarii konkolaachisuun maatii isaa jiraachisu Nagoo Gamsuu Jedhamu bakka hojii isaatii waraanni faashistii PP qabanii akka ajjeesantu himama.
Nagoon nama kabajaa fi jaalalaa guddaa ilma namaaf qabu malee tutuqaa siyaasaa keessaa akka hin qabne kan himan namootni seenaa isaa itti siqeenyaan beekan, rakkoon Oromoo irra karaa murna PP ga’aa jiru kun namni yakka qabaatee osoo hin taane, sirnichi fixinsa sanyii bara sirna Minilik deebisuuf abjuu waan qabuuf, Oromoo duguugee lafa irraa fixuuf sagantaa baafatee hojjettaa jira jechuunis dubbatu.


