ONM-ABO Amajjii 6, 2024
Oromoonni Walloo bara dhufaa darbaa sirnoota impaayeera Itoophiyaa utubuuf guyyuu hojjetaniin dhaanama har’a kan ga’aan ta’uun isaanii seenaan kan dubbatu yoo ta’u, garuu sabboonummaa fi Oromummaa isaanii dagaagsuuf boqonnaa malee hojjetaa akka jiran ni beekama.
Haa ta’uu malee cunqursitootni nafxanyaa Oromoo cabsuuf gaafa karoora baafatan, haleellaa saba nagaa daangaa naannoo Amaaraa irra jiraataan uummata Wallootti duula banuun waggaa keessatti yoo xiqqaatee yeroo lamaa fi isaa ol lubbuu namoota nagaa balleessuu aadaa godhatanii Kan jiran yoo ta’u, bara kanas yoo xiqqaatee yeroo lamaa oliif duulli ajjeechaa ilmaan Oromoo Walloo irratti banamee akka jiru ragaalee gurguddaan naannichatti ta’aa jiranis ni addeessuu.
Akkuma kanaanis lolli qindaa’aan karaa murna Maafi’aa PP fi finxaaleessitotaa Amaaraa Faannoon Amajjii 3, 2024 aanaa Jiillee irratti eegale, guyyoota 3 oliif godina addaa Walloo keessatti adeemsifamaa jiru lubbuu namoota hedduu galafachaa akka jirus beekameera.
Oromoonni Walloo yeroo ammaa qaama isaaniif birmatu kamiyyuu kan hin qabnee fi duulli ajjeechaa fi saamichaa karaa murna PP fi Faannoon adeemaa jiru kanaan namootni lola kanarratti madaa’anii jiran illee yaala malee hiraarfamaa akka jiranis jiraattotni Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.



