• Sat. Mar 14th, 2026

Oromiyaa keessatti uggurri daandii ibsa qeerroon bilisummaa Oromoo ilaachise hordofee akkuma itti fufeetti jira
 

Jan 6, 2024

ONM-ABO Amajjii 6, 2024

Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaalee hunda keessatti sochiin uggura geejjibaa labsii qeerroon bilisummaa Oromoo WBO waliin ta’uun labse irratti ilmaan isaanii waldhaga’uun hojii irra oolchaniiru.

Uggurricha keessatti daandii gabaa, dunkaanota, hoteelotaa fi baaburri midhaan daaku dabalatee hojii irra ooleera.

Abbootii qabeenyaa warreen uummata fe’uu didan murni bilxiginnaa hidhaatti aariin lakkoofsa gabatee konkolaataa irraa hiikun guuraa jiru.

Godinaalee Wallaggaa arfan, Giddugaleessaa Oromiyaa lixa Shaggar, kaaba Shaggar, kibba lixa Shaggarii fi baha Shaggar, Harargee lixaa fi bahaa, akkasuma godinaalee Arsii lamaan keessatti hojii irra oolera.

Qabsoo hiree ofiin murteeffannaa uummata Oromoof taasifamaa jiru keessatti uummanni Oromoo qooda isaa ba’achuu qabas jedhan qeerrowwan bilisummaa Oromoo bakkeewwan tokko tokko irraa dubbisne.

Akkasuma waa’ee ugguraa ilaachisee hanga koreen dhimma kana ilaallatu karaa Miidiyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsa kennutti namuu fuula Facebook dhuunfaan maxxanfame hordofee sochii kan taasisu yoo ta’e, rakkoo isa qaqqabuuf itti gaafatamaan matuma isaa ta’uus qeerroon bilisummaa Oromoo fi koreen dhimmi kun ilaalattu dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading