• Tue. Nov 24th, 2026

Balaa ibiddaa guyyaa kaleessaa magaalaa Naqamteetti mudateen bulchaa magaalichaa komatan jiraattotni

Jan 9, 2024

ONM-ABO Amajjii 9, 2024

Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee ganda 01 galma guddaa fuulduratti kan argamu waajjira ibsaa bukkeetti hoteelaa Oromoo jedhamuun kan beekamuu abbaan hoteelichaa Shibbiruu Tarreessaa kan jedhamu dabalatee dunkaannoonni 10 ol guyyaa kaleessaa gubachuu maddeen maagaalichaa himan.

Ka’uumsi ibiddaa kanaa hanga ammaatti kan hin beekamne ta’uus maddeen himuun balaan ibiddaa kun magaalicha keessatti darbe darbee kan mul’atu ta’uu fi bulchaa magaalaas ta’e ittisni sodaa balaa hanga ammaatti bottle tokko magaalaa kanaaf bituu dadhabuun manneen kun hundi gubachuu danda’es jedhan.

Uummata irra maqaa adda adda moggaafachuun yeroo irraa gara yerootti maallaqni daangaa hin qabne akka funaanamu himuun, garuu wanti qabatamaan bu’uuraalee misoomaa hawaasaf oolu magaalicha keessatti akka hin hojjetamne himu.

Itti dabaluunis kaabinoonni magaalichaa tuffii hawaasa keenyaf qabaniif jecha callisanii nu ilaalu jechuun, wanti isaan qabatamaan hawaasa keenyaf hojjechaa jiran hin jiru, bara dhufaa darbaa yoo garaa isaanii guddifachuu ta’e malees jedhan.

Leave a Reply