ONM-ABO Amajjii 9, 2024
Impaayera Itoophiyaa keessatti waqtii qaala’iinsi jireenyaa ulfaatee maatiin ilmaan isaa guddifachuuf guyyuu rakkoo waliin wal-aansoo jireenyaa wal qabaa jiraatu keessatti murni aangoo impaayeerichaa of harkaa qabu,mala dha’ee uummata rakkoo oolchuu irra hawaasatti yaaddoo jireenyaa ta’ee jireenya godaansaaf jiraattota saaxila jira
Yeroo ammaas akka jiraattotni godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa irraa dubbisne himanitti, kaadirootni PP saamicha qinda’aa gibira jechuun qarshii 2260, inshuuraansii fayyaa 980,boordii Abbayyaa qarshii 500, gargaarsa raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa 100 fi waraqaa eenyummaa 500 idaa’ama maallaqa baay’inni isaa 4340 tokkoo tokkoo namootaa irraa akka saamantu himama
Hidhaanis humnoota waraanaa koloneel Abiy Ahimeediin jiraattota ona Saasiggaa irratti raawwatamaa jiraachuun kan dubbatamu yoo ta’u, namoota hidhanis reebicha fi dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwatu kan jedhan jiraattotni,namoota hidhamuun rakkoon irra ga’ee jiru keessaa muraasa kan maqaa arganne: Aliyyii Haajii,Turkii Bakaree,Abdurramaan Abdooshee,Usmaan Aliyyii fi kanneen maqaan nun geenye danuu akka ta’e barameera.

