ONM-ABO Amajjii 9, 2024
Dhimmoota gurguddoo egeree dhala namaa waliin walqabatan irratti hirmaannaan Chaayinaa hin hafne,” jedhan dura taa’aan Waltajjii Diinagdee Addunyaa Chaayinaa Guddittii (WEF) Cheen Liming.
Chaayinaan dinagdee addunyaa guddittii lammaffaa ta’uu isheetiin dameewwan hedduu kanneen akka siyaasa addunyaa, dinagdee, fi kalaqa teeknooloojii irratti gahee murteessaa akka qabdu Cheen gaaffii fi deebii dhiheenya kana Xinhua waliin taasisaniin himaniiru.
Sirni bulchiinsa addunyaa jijjiirama gadi fagoo keessa kan jiru yoo ta’u, Chaayinaan sirna bulchiinsa addunyaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jirti jedhan. Mata duree Amantaa deebisanii ijaaruu “Rebuilding Trust” jedhuun Walgahiin Waggaa 54ffaa WEF Amajjii 15 hanga 19tti Davos, Switzerland keessatti ni gaggeeffama.
Walgahiin kun dhimmoota akka addunyaa qoqqoodame keessatti nageenyaa fi tumsa galmaan gahuu, sammuu namtolchee misooma dinagdee fi hawaasummaaf fayyadamuu, tarsiimoo haala qilleensaa fi anniisaa yeroo dheeraa hojiirra oolchuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu Cheen himaniiru.
WEFn Chaayinaa waliin tumsa itti fufiinsaan gadi fageessuun amantaa deebisee ijaaruuf gargaaruuf hawwii guddaan eeggata jechuun hubachiisaniiru.
Amantaan tumsa kana kan guddisu yoo ta’u mariin bu’aa mo’ataa argamsiisa,” kan jedhan Cheen, jijjiirama gadi fagoo fi jeequmsaa yeroo ammaa ta’aa jiru keessatti qaamolee hedduu gidduutti amantaa uumuun kana caalaa barbaachisaa ta’ee hin beeku.
Jijjiirama qilleensaa wajjin walqabatee, manca’iinsa naannoo ikoloojii , fi bulchiinsa sammuu namtolcheetiin, biyyis ta’e dhaabbati idil-addunyaa kamiyyuu kophaa isaa furuu hin danda’u jedhan Cheen.
Fandiin Maallaqaa Idil-addunyaa guddina dinagdee Chaayinaa bara 2024 irraa eegamu ol kaasuun imaammattoota misooma dinagdee dhuunfaa dagaagsuu fi invastimantii alaa jajjabeessuuf Chaayinaan sochootuu dandamachuu gabaa guddachaa jiran ta’uun itti fufti jedhanii, amantaan ciminaan kan jalqabame ta’uu ibsaniiru.
Cheen bara 1979 jilli Chaayinaa yeroo jalqabaaf walgahii waggaa WEF irratti yeroo hirmaate, GDP Chaayinaa waliigala addunyaa keessaa gara dhibbeentaa 2 akka bakka bu’u yaadateera. “Har’a GDPn Chaayinaa addunyaa keessaa gara dhibbeentaa 20 qaba” jechuun Jiinuwaan gabaaseera.

