• Thu. Mar 12th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Diggaa buufata fayyaa magalaa Guddattu Arjoo keessatti sababa Waraana Bilisummaa Oromoof qoricha baaftan jedhuun hojjettoota dararaa jiru jedhu

Jan 10, 2024

ONM-ABO Amajjii 10, 2024

Sirni kuufatii qarree irra marmaaraa jiru bilxiginnaan sodaa Waraana Bilisummaa Oromoof qabuuf jecha Oromiyaa bakkeewwan hedduutti namoota ija shakkiin ilaaluun ajjeechaa hanga hidhaa raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan baha Wallaggaa aanaa Diggaa buufata fayyaa magaalaa Arjoo Guddattuu keessatti murni bilxiginnaa hojjettoota kutaa qorichaa keessa hojjetan irratti doorsisa raawwachaa jiraachuu maddeen buufata fayyaa himan.

Murni bilxiginnaa hojjetuma buufata fayyaa Mitikkuu Guddataa jedhamuu fi Eebbisaa Jaalataa waardiyyaa Hospitaalichaa mindaa kofa kofaatti kanfaluunif hojii tikummaa buufata fayyaa sana keessatti hojjechiisaa jirus jedhan.

Akka karoora isaanitti hojjettoota kutaa qorichaa sana hojii irraa ari’uuf akka jiran kaasuun, shira murni bilxiginnaa namoota shakkii irraa qabu ittiin dararuuf karoorfatee itti jiruudhas jedhan maddeen buufata fayyichaa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading