ONM-ABO Amajjii 10, 2024
Mootiin Joordaan Abdullaah 2ffaan Roobii har’aa pirezidaantii Masrii Abdel Fattah El-Sisii fi hogganaa Falasxiin Mahmud Abbaas keessummeessuun “guddina balaafamaa” Gaazaa waraanaan miidhame irratti akka mari’atan masaraan mootii ibseera.
Walgahiin kun qaama “Yordaan ejjennoo Araboota qindeessuun Gaazaa keessatti dhukaasa hatattamaa akka dhaabbatu dhiibuu fi gargaarsi namoomaa addaan hin cinne akka kennamu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jirtu” ta’uu ibsi ba’e ni mul’isa.
Mariin isaanii kun “haala Weesti Baankii” kan bara 1967 irraa eegalee Israa’eliin qabamte irrattis kan xiyyeeffatu ta’a.
Mootiin Abdullaah, Dilbata walga’ii ministeera haajaa alaa Ameerikaa Antony Blinken waliin taasisaniin, Ameerikaan Israa’el “hatattamaan dhukaasa akka dhaabdu” dhiibbaa akka gootuu fi rakkoo namoomaa waraana Gaazaatiin fiddetti xumura akka gootu gaafataniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa haala hamaa naannoo Falasxiin keessatti mul’ate kan akeekkachiisan yoo ta’u, waraanni kun kan ka’e erga hidhattootni Hamaas Onkoloolessa 7 haleellaa kanaan dura ta’ee hin beekne Israa’el keessatti raawwachuun namootni 1,140 du’aniin booda akka ta’e lakkoofsi AFP baase mul’isa.
Israa’el deebii kennuun boombii boqonnaa hin qabnee fi weerara lafaa Gaazaa irratti raawwachuudhaan yoo xiqqaate namoota 23,210, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ajjeesuu ishee ministeerri fayyaa naannoo Hamaas bulchu ibseera.
Dilbata darbes mootiin Abdullaah Blinken “weerarri Gaazaa irratti gaggeeffame itti fufuun balaa hamaa akka fidu, barbaachisummaa rakkoo namoomaa gaddisiisaa xumuruun” achitti akeekkachiisee ture jedha masaraan mootummaa.
Kibxata darbe magaalaa Tel Aviv keessatti Blinken Israa’el lubbuu namoota nagaa Falasxiin waldhabdee kana keessatti argaman akka qusattu dhaamaniiru.
“Guyyaa guyyaan lammiilee nagaa Gaazaa keessattuu daa’imman irratti miidhaan ga’u baay’ee ol’aanaadha,” jedhan Blinken.
Akkasumas Israa’el “tarkaanfiiwwan dandeettii Falasxiinotni bifa bu’a qabeessa ta’een of bulchuu isaanii xiqqeessu fudhachuu akka dhiiftu” gaafataniiru.
Blinken daawwannaa isaaniin waraanni Israa’el fi Hamaas naannoo sanatti babal’achuu danda’u xumuruu fi “marsaa jeequmsaa dhuma hin qabne” jedhee waamamu ittisuuf kaayyeffate irratti argama jechuun Arab News gabaaseera.

