ONM- ABO Amajjii 12, 2024
Aggaammiin ajjeechaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffate, haala nama suukanneessuun jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, loltootni PP bakka argan cufatti ilmaan Oromoo akka bineensa bosonaatti adamsuun sababaa fi yakka tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesaa jiru.
Oduudhuma ajjeechaan walqabatuunis lixa Oromiyaa baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Sagiroo jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa Amajjii 11, 2024 loltootni raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa dargaggoo maqaan isaa Ijjiguu Asaffaa jedhamu balleessaa tokko malee ajjeesanii gatan jechuun maddeen dubbataniiru.
Dargaggeessi kun nama siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’ee fi doqdoqqee hoofuudhaan ofiif maatii isaa jiraachisuu akkasumas nama hawaasa isaa keessatti jaallatamummaa guddaa qabuudha kan jedhan maddeen, Namoonni ol adeemaa kana ajjeesisanis milishootuma dhalattoota naannichaa ta’u Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


