• Sun. Mar 15th, 2026

Gareen duula uummata miidhuu hojii idilee godhate PPn baha Shaggar ona Fantaallee gandoota hedduu keessaa uummata jumlaan hidhaa jiraachuun beekame

Jan 12, 2024

ONM-ABO Amajjii 12, 2024

Amajjii 9, 2024 baha Shaggar ona Fantaallee gandoota akka Bantii, Ilaalaa fi Dhagaa Idduu keessatti murni bilxiginnaa tarkaanfii konkolaattota labsii uggura cabsanii deeman irratti gaafa Amajjii 8, 2024 fudhatame ilaalchisuun kaabinoonni fi hidhattootni sirnichaa uummata dirqamaan walga’ii baasuun jumlaan mana hidhaatti guuruu jiraattotni himu.

Namoota xinnaa guddaa osoo hin jenne mana hidhaatti guuran kanas nyaata dhorkachuun akkasuma reebicha hamaa irratti raawwachuun gidirsaa jiraachuu fi hidhamtoota kanneen keessatti dhukkubsatan illee keessatti kan argaman ta’uus jiraattotni kun dabaluun dubbatu.

Akka jiraattotni kunneen ibsanitti walgahii kana irratti Waraana Bilisummaa Oromoo iddoo inni jiru heeruu nuuf kennitani nuu wajjiin hin balleessitan taanan lafarraa isiin dhabamsiifna jechuun itti dhaadachaa akka turuus dubbatu.

daballoonni murna PP cubbamaa kana dura bu’uudhaan miidhaa kana gaggeessaa jiran keessaa kan maqaa arganne keessaa Boruu Juffaa fi Jamaal Waaqoo akka ta,an maddeen dabaluun ibsaniru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading