• Thu. Mar 19th, 2026

Haleellaan qilleensaa US, UK haleellaa Galaana Diimaa torbanoota hedduu booda Yaman irratti rukutan

Jan 12, 2024

ONM-ABO Amajjii 12, 2024

Haleellaan qilleensaa cimaan Ameerikaa fi Biriteen Jimaata ganama finciltoota Yamanii Iraaniin deggeramuun galaana diimaa irratti Hamaasiin tumsuuf torbanoota hedduuf raawwachaa turan bakka isaan jiran Yamanitti xiyyeeffachuun tarkaanfii guddaa irratti fudhataniiru.

Huutiin erga waraanni Gaazaa keessatti haleellaa kanaan dura hin argamne Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwateen ka’ee as daandii daldala idil-addunyaa ijoo ta’e irratti dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaban jedhanii fudhatan irratti haleellaa baay’inaan raawwataniiru.

Finciltoonni kunneen erga bara 2014 waraanni biyya keessaa achitti ka’ee as kutaa guddaa Yaman kan to’atan yoo ta’u, qaama “axis of resistance” Iraaniin deggaramuu fi Israa’el irratti hiriiree jiruuti.

Haleellaan Jimaata ganamaa kun buufata xiyyaara waraanaa, buufata xiyyaaraa fi mooraa waraanaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu TVn finciltoota Hutii Al-Masirah kan ibse yoo ta’u, rippoortaroota AFP fi namoonni ijaan arganis boombii dhaga’uu akka danda’an gabaasan.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Huutii Huseen Al-Ezziin akka jedhanitti, “Biyya keenya irratti haleellaa cimaan dooniiwwan Ameerikaa fi Ingilizii, dooniiwwan bishaan jalaa fi xiyyaarota waraanaatiin raawwatame” jedhan.

”Ameerikaa fi Biriteen gatii guddaa kaffaluuf qophaa’uu fi bu’aa hamaa weerara ifa ta’e kana hunda baachuu qabu,” jedhan.

Prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden haleellaa Galaana Diimaa booda haleellaa Ameerikaa fi Ingilizii kana ”tarkaanfii ittisaa” jechuun ”yoo barbaachise ammoo tarkaanfii waraanaa dabalataa ajajuu irraa duubatti hin jedhu” jedhan.

Haleellaan kun xiyyaarota waraanaa fi misaa’ela Tomahawk kan hirmaachise ta’uu Ajajni Giddugaleessaa Humnoota Qilleensaa Ameerikaa ibsa baaseen beeksiseera. Bakkeewwan Hutii 16tti xiyyeeffannoo 60 dhukaasa sirritti qajeelfameen 100 oliin rukutamuu ibseera.

Tarkaanfiin kunis qajeelfa kootiin tumsa humnoota gamtaa waliin ta’uun raawwate jechuun Joo Baayiden ibsaniiru jechuun Ajaansi Firaansi Pirees gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading