ONM- ABO Amajjii 12, 2024
Hidhattoota koloneel Abiy Ahimed biratti Oromoon kabaja dhabuun xinnaa guddaa osoo hin jenne jaarsa biyyaa dabalatee ajjeechaa jumlaaf saaxilaa jiraachuu fi maatii hedduun gidiraa hamtuu dhandhamaa jiru.
Hidhattootni dhiiga ilmaan Oromoo lolaasuu baran kunneen lixa Wallaggaa aanaa Begii magaalaa Begii keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 11, 2024 abbaa maatii torbaa kan ta’e manguddoo maqaan isaa Shee Abdurkariim Fufaa Keedii jedhamu balleessaa tokko malee rasaasa itti roobsun ajjeesuu jiraattootni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Manguddoon kun nama siyaasa hin beeknee fi hojii daldalaan maallaqa achirraa argatuun maatii isaa jiraachisu yoo ta’u hidhattootni sirnichaa kunneenis balleessaa tokko malee ija maatii isaa duratti gadi fuudhanii akka ajjeesan dabaluun dubbatu.
Itti dabaluunis murni saamichaaf bobbaafame kun guyyuma kaleessaa kana aanuma Begii ganda Xiilloo jedhamu keessaa Obbo Hayilee Dhaabaa jedhamu jalaa sangoota shan jalaa fudhachuun qalatanii akka nyaatantuu dubbatama.
Aanicha keessatti ajjeechaa fi saamichi daangaa hin qabnee guyyaa guyyaan raawwatamaa akka jiru jiraattotni dubbachuun sirnichi ilmaan Oromoo hiyyummaa fi ajjeechaan lafa irraa duguuguuf akka itti jirus miira aariin dubbataniiru.
