• Sat. Mar 14th, 2026

Sakatta’iinsa cimaan barii barattoota Yuunivarsitii Dambii Doolloo irratti geggeeffame

Jan 12, 2024

ONM-ABO Amajjii 12, 2024

Humni waloon raayyaa ittisaa fi poolisii federaalaa murna faashistii PP har’aa barii sa’a 11:00 irraa eegaluun sakatta’iinsa jabaa mooraa Yuuniversitii Dambii Doolloo doormii barattootaa irratti raawwachuun barameera.

Barattootni osoo irriba irra jiranii fi kanneen biroon qo’annoof ala jiranii barattoota doormiin ala jiran hatattamaan doormiitti akka deebi’an gochuun doormii kan sakatta’an yoo ta’u, barattoota irriba keessaa wareeruun maaltu ta’ee gaaffii gaafatan, ” isin hin galchu isin ergamtoota WBOti, mooraa jeeqaa jirtu ” jechuun uleen rukutaa turan.

Sakatta’iinsa barii eegalan kanaan barattoota doorsisuu fi ulee akkasumas kaballaan rukutuun alatti meeshaaleen waraanaa doormii barattootaa keessatti argame kan hin jirre ta’us, diraamaa sirnichi ittiin hojjechuuf deemu hin beekamu jedhu barattootni moorichaa.

Mooraan Yuuniversitii Dambii Doolloo erga waraanni faashistii PP barattoota badii tokko malee mooraa seenuun qabanii hidhuu jalqabanii asi, hidhaan kun barsiisotattis kan ce’e yoo ta’u, sababa kanaanis moorichi nagaa dhabuu irra darbee waraanni bilxiginnaa kun barattoota Amaaraa 2 irratti tarkaanfii fudhataniin battalatti tokko ajjeesuun tokko madoo ulfaataa taasisuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading