• Mon. Jan 12th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Wancii keessatti barsiisaa tokko dabalatee namoonni hedduun magaalaa Cittuu keessatti baatii afurii oliif hidhamanii gidirfamaa jiru

Jan 13, 2024

ONM-ABO Amajjii 13, 2024

Murni bilxiginnaa hidhaa jumlaa namoota nagaa irratti raawwatu akka lola biyyatti keessatti adeemaa jiruuf furmaata ta’uutti fudhachuun xinnaa guddaa osoo hin jenne akkasuma namoota bara TPLF adda durummaan qabsoo warraaqsaa irratti hirmaachaa turan PPnis sodaa isaaniif jecha lafa hundatti adamsee ajjeesaa fi hidhaa irratti raawwachaa jira.

Barsiisaa Gaasha’uun Rafeeraa dhalataa kibba lixa Shaggar aanaa Wancii ganda Gaaliyyee Dagooyyee jedhamutti yoo dhalatu achuma ammoo barsiisaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Dagooyyee jedhamutti akka barsiisu maddeen himan.

Barsiisaan kun hojii barsiisummaan alatti nama siyaasa hin beekne yoo ta’u hidhattootni fi kaabinoonni murna bilxiginnaa gandichatti bobbaa’uun qabanii fuudhanii erga deemaniin booda waajjira poolisii magaalaa aanichaa Cittuutti osoo mana murtiitti hin dhiheessin baatii afurii oliif hidhanii akka dararaa jiran maddeen dabaluun addeessaniiru.

Akkasuma qonnaan bulaa Balaachoo Hindabuu jedhamu aanichuma ganda Haroo Qoonnoo jedhamutti baatii lamaa fi isaa oliif maqaa WBO nyaachiste jedhuun maatii isaa irraa murtii seeraa malee hidhamee gidirfamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Waajjira Poolisii Magaalaa Cittuu keessatti namoonni lakkoofsaan dhibbaa ol ta’an maqaa siyaasa sobaan yakkamanii mana murtiitti osoo hin dhihaatin waggaa tokkoo oliif illee dararamaa kanneen jiran keessatti kan argaman yoo ta’u haalli isaan mana hidhichaa keessatti bakka bultii fi nyaatatiin rakkataa jiran hedduu yaadessaa ta’uus himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading