ONM-ABO Amajjii 13, 2024
Duguuggaa sanyii murni bilxiginnaa loltoota isaaf amanamoo ta’an bobbaasee uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun uummanni diddaa akka agarsiisuuf Labsa Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Amajjii 13, 2024 irraa qabe hanga Amajjii 7tti taasiseen wantootni ugguramanii hafan akka turan ni beekama.
Sochii geejjibaa midhaan, kuduraa, muduraa fi albuudota ilaalchisuun uggurri irratti hafee ture gaaffii hawaasaa fi tarsiimoo karoora itti aanu gabbisuu qabatameen jiruun uggurri kun hanga labsiin haaraan ba’utti ka’uu isaa koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo marii taasisuun ibsa baaseen beeksiseera.
Kanaafuu ibsa har’a Amajjii 13 galgala sa’a 12:00 irraa jalqabee ka’uu ugguraa fi sochiin kamiyyuu Oromiyaa gara Finfinneetti taasifamu eeyyamamuu akkasumas uummanni qophii ofi jiraachisuu fi diddaa uummataaf akka qophaa’u akeeku ba’e irraa hubachuun ni danda’ama.
Qeerroon Bilisummaa Oromoos ta’e qaamotni dhimma kana keessatti haammatamtan ibsa kana hubachuun hojiitti akka deebitan, QBOs naamusa qabsoon qabduun hojii irra oolmaa isaa hubachiisuun hordoffii sirrii gochuun isa itti aanuuf akka ofi qopheessitan waamichi darbeera.
Bal’ina isaa Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname dubbisaa 👇


