ONM-ABO Amajjii 14, 2024
Kaaba Taanzaaniyaa Naannoo Simiyu keessatti rooba cimaa roobeen albuudni warqee erga jiguun yoo xiqqaate albuuda baastonni 21 du’uu fi kanneen biroo hedduun achi buuteen isaanii dhabamuu komishinarri Naannoo Simiyu Yahaya Nawanda himaniiru.
Nawaandaan Sanbata galgala bilbilaan dhaabbata oduu Jiinuwaatti akka himanitti, reeffa albuuda aanaa Bariyadiitti jige keessatti qabamaniiru jedhamanii shakkaman dabalataa argachuuf carraaqqiin taasifamaa jiru rooba cimaa itti fufee jiruun gufachiisaa jira.
“Sababa roobaatiin hojiin baraarsaa yeroo muraasaaf dhaabbateera,” jedhan qondaalli kun. Albuudni kun Sanbata kaleessaa sa’a 5:00 a.m.tti kan jige yoo ta’u, albuuda baastoota lakkoofsi isaanii sirriitti hin mirkanoofne awwaaleera. Namoonni miidhaman irra caalaan isaanii dargaggoota umriin isaanii 25 hanga 35 gidduu ta’uu himaniiru.
