ONM-ABO Amajjii 15, 2024
Murni bilxiginnaa Oromiyaa dirree dhiigaa gochuun aduu dhiyee bari’u waraana naamusa hin qabne, hawaasa nagaatti bobbaasee manneen hidhaatti galchuun boodarra mana hidhaatii baasee ajjeesuu jabeessee itti fufee jira
Haaluma kanaanis namootni sadii waraana bilxiginnaan godina Wallagga bahaa aanaa Saasiggaa magaalaa Jimaataa mooraa waraanaa keessaa Amajjii 13, 2024 galgala baafamanii ajjeefamuu jiraattotni Kan himan,namoota ajjeechaan irratti raawwate keessaa nama tokko qofaa jiraata ganda Sharee kan ta’e Dagaagaa Kabbadaa jedhamu maqaan kan nu ga’e yoo ta’u, namoota hafan kaanis akkuma maqaa isaanii arganneen kan isin beeksisnu ta’a
Oduu hidhaatiin wal qabuun ammoo aaddee Daadhituu Mitikkuu haadha ijoollee 5 jiraattuu aanaa saassiggaa ganda Haroo Guddinaa kan taate Amajjii 10, 2024 mana jireenya ishee deemuun abbaan Warraa kee deggeraa WBOti jechuun magaalaa Jimaataatti hidhanii nyaata dhorkachuun daa’ima xiqqoo waliin hiraarsaa jiraachuu jiraattotni ONMtti himaniiru.

