• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo keessatti waraanni PP manneen qotee bultootaa gubanii mancaasan

Jan 15, 2024

ONM-ABO Amajjii 15, 2024

Gubaatii waraanni PP qe’eef qabeenya qotee bultoota Oromoo irratti maqaa waraana bilisummaa Oromootiin gaggeessaa jiran jabaatee itti fufuun, qotee bulaa hedduun midhaan itti dadhabee oomishee ooyiruu irraa galfate dabalatee, horiin lubbuu fi qabeenyi isaa gubatee manca’uun harka qullaatti hafaa jiru.

Amajjii 14, 2024 Godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo ganda Boree Cilaaloo keessatti waraanni maafi’aa PP Waraana Bilisummaa Oromootu naannoo keessan keessa socho’a, isinis deeggartoota WBOti jechuun manneen qotee bultootaa 15 ibiddaan gubanii barbadeessuu maddeen ONM dubbataniiru.

Namoota maqaan isaanii Kamaal sh/Bashirii fi Kadiir H/ mohammad jedhaman jalaa mannee lama lama kan gubatan yoo ta’u, Abdullee Aliyyii, Kadiir Cirrii, Habiib Bakaree, Muzeeyyaan Adam, Kaliil Abdellee, Jamaal Qaasim, Abdallaa Cirrii, Abbee Cirrii fi namoota maqaan isaanii nun geenye garii jalaas manni qabeenya guutuu waliin jalaa barbadaa’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading