ONM-ABO Amajjii 15, 2024
Ilmaan Oromoo goleewwan Oromiyaa cufa keessatti barjaa fi maqaaleen garaa garaa dharaan itti maxxanfamuun qabamanii hidhamaa kan jiran yoo ta’u, magaalaa Finfinnee dabalatee godinoota, aanolee fi gandoota hedduu keessatti baay’ina hidhamtootaa irraan ka’e manneen barnootaa fi waajjirootni sirnichaa mana hidhaa taasifamuun tajaajila kennaa jiru.
Haaluma kanaanis Jimaata darbe jechuun Amajjii 12, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadii ganda Collee keessaa namootni maqaan isaanii Birhaanuu Caalaa fi Gammadaa Toomaas jedhaman loltoota raayyaa ittisa impaayerattiin qabamuun magaalaa Haroo Sabbuu keessatti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen himaniiru.
Namootni qabamanii hiraarfamaa jiran kunneen maqaa Waraana bilisummaa Oromoof heeruu laattu jedhu akkasumas rasaasaa fi mi’oota waraanaa garaa garaa dhiyeessituuf jedhuun kan yakkaman yoo ta’u, akka maddeen itti siqeenyaan namoota kanneen beekan jedhanitti ammoo jarreen kun namoota tuttuqaa siyaasaa kam irraa bilisa ta’aanii fi hojii dhuunfaa isaaniitti bobba’uun of jiraachisan ta’uun beekameera.


