ONM-ABO Amajjii 15, 2024
Gochootni abdii kutannaa fi ijjibbaataa waraana raayyaa ittisa impaayera itoophiyaan gaggeeffamaa jiru hammaachuun, Oromoon qe’ee isaa keessatti jumlaan ajjeefamaa, hidhamaa fi qabeenyi isaa gubachaa akkasumas saamamaa jiraachuun walqabatee gadadoo hadhooftuu keessummeessaa jira.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem keessatti dheengadda Amajjii 13, 2024 loltootni raayyaa ittisa impaayerattii guyyaa keessaa naannoo sa’a 5:30tti qonnaan bulaa maqaan isaa Shibbiruu Shifarraa Qixa’u jedhamu ajjeesuun marfata magaalicha gubbaa kaa’uu jiraattotni dubbatan.
Torbanuma kana keessa aanaa Gidaamii ganda Burii, Abootee fi Qeĺlem keessaa loltootni bilxiginnaa namoota 7 ajjeesuu kan himan jiraattotni, ganda Xiilloo jedhamtu keessaa ammoo loon uummataa 30 ol ta’aan ooffachuun, gandoota baadiyyaa aanichaa Maleekoo, Warra waayyuu, Soyii, Gaara kormaa fi gandoota hedduu keessatti rakkoo hubaatii lubbuu fi qabeenyaa guddaa raawwachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
