• Tue. Jan 13th, 2026

Chaayinaan dubbii pirezidaantiin Taayiwaan ilaalchisuun dubbataniin Filippiins ‘ibiddaan akka hin taphanne’ akeekkachiifte

Jan 16, 2024

Chaayinaan Kibxata har’aa ambaasaaddara ishee Filippiins irraa waamuun biyyattiin “ibiddaan akka hin taphanne” kan akeekkachiifteetti yoo ta’u, kunis erga pirezidaantiin filatamoo Taayiwaan Laayi Chiing-tee filannoo sana injifachuu isaaniitiin baga gammaddan jedhaniin booda.

Chaayinaan ”dubbii kanatti cimsitee kan itti hin quufne fi murtoodhaanis ni mormiti,” jedhan dubbi himaan ministeera dhimma alaa ishee. Pirezidaantiin Filiippiinsi Maarkos Wiixata kaleessaa Laayiin filannoo Taayiwaan injifachuu isaatiin baga gammaddan jechuu isaanii fi pirezidaantii itti aanu jechuun waamuu isaanii eeraniiru.

Dubbi himaan Maa’oo Niing akka jedhanitti, “Yaadni Pirezidaanti Maarkos dhimmi ilaallatu kun qajeelfama Chaayinaa Tokko cabsuu guddaa fi waadaa siyaasaa Filippiinsi gama Chaayinaaf galte cabsuu hamaa ta’a kan jechuun, kun dhimma keessoo Chaayinaa keessa seenuu guddaa ta’as” jechuun ibsan.

Chaayinaan ambaasaaddara ishee ibsa dabalataaf gara biyyattii waamuun ” carraa jalqabaatiin Filiippiinsitti mormii cimaa galchitee jirti,” jedhan Maa’oon.

Pireezidant Maarkos dhimma Taayiwaan keessaa fi alaa sirriitti hubachuuf kitaabota dabalataa akka dubbisan yaada kennina, akka hubannoo waliigalaa argataniif jedhan.

Ministeerri haajaa alaa Filiippiinsii ibsa Kibxata kana kenneen “imaammata Chaayinaa Tokko” qabaachuu irra deebi’ee kan mirkaneesse yoo ta’u, ergaan Maarkos kun hojjettoota lammiilee Filiippiinsi biyya alaa (OFW) 200,000 ta’an kanneen odola karaa dimokiraatawaa bulfamtu kana keessatti argaman dabalatee “dantaa waliinii” Filiippiinsii fi Taayiwaaniif beekamtii kennuuf kan yaadame ta’uu ibseera .

Ergaan kun “OFW keenya keessummeessuu fi adeemsa dimokiraasii milkaa’aa gaggeessuu isaaniif karaa itti galateeffate ture. Kanas ta’e sana, Filiippiinsi Imaammata Chaayinaa Tokko irra deebitee mirkaneessiti” jedheera.

Waajjirri Maarkoos ibsa kanaan dura “imaammata Chaayinaa Tokko” irratti kenne irra deebi’ee ibseera.

Aariin Beejiing dubbii kana irratti qabdu waldhabdee walduraa duubaan Filippiins fi Chaayinaa gidduutti uumame keessaa isa dhumaa yoo ta’u, kunis yeroo Maniilaan bulchituu koloneeffataa duraanii Ameerikaa waliin hariiroo qabdu cimsiteetti, waliigaltee Waashingitan buufata waraanaa ishee fayyadamuu irratti babal’isuu dabalateeti.

Hoggantoonni biroos Laayi injifannoo isaa kanaan baga gammaddan jechuun, Ministirri Dhimma Alaa U.S. Antony Blinken fi Ministira Dhimma Alaa Jaappaan Yoko Kamikawa dabalatee hedduun isaanii waldhabdeen Taayiwaan Strait keessatti uumame karaa nagaa akka furamu gaafataniiru.

Addatti ammoo ministeerri haajaa alaa Taayiwaan Maarkosiif galata isaa ibsuun, Taayiwaan fi Filiippiinsi ”duudhaalee akka bilisummaa, dimokiraasii fi olaantummaa seeraa qooddatu” jechuun Taayiwaan tumsaa fi waljijjiirraa daran gadi fageessiti jechuun Rooyiters gabaasee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading