ONM-ABO Amajjii 16, 2024
Waraanni raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa keessaa maqaa sakatta’iinsa waraana bilisummaa Oromootiin bobbaafaman torbee darbe Amajjii 11 fi 12, 2024 ganda baadiyyaa Qanaatee Dhinsaa jedhamu keessatti yakkkoota waraanaa raawwataniin manneen namoota nagaa 17 badii tokko malee ibiddaan gubanii barbadeessuun, horii 180-200 tti tilmaamamtu ooffatanii deemuu maddeen gabaasaniiru.
Namootni manni isaanii loltoota PPn jalaa gubate irra jireessaan obbolaa ilmaan abbaa tokkoo yoo ta’aan, Dumbulaa Bakulee, taayisaa Dumbulaa, Alamaayyoo Iddeessaa, Toleeraa Iddeessaa, Naggasaa Ittaanaa, Amanuu Ittaanaa, Tolosaa Baqqalaa, Dassaalee Baqqalaa, Caalaa Dhufeeraa, Mootii Iddeessaa, Dirmachuu Hinbaduu, Dirribaa Ejjetaa, Baalchaa Fufaa, Leellisaa Xiiqii, Badhaasaa Dhugumaa fi Biqilaa Isataa kanneen jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Loltootni bilxiginnaa gochoota cubbuu ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiran kunneen, manneen namoota kanaa eega ibiddaan gubanii mancaasaniin booda horii gaanfaa fi harroota qe’ee keessaa ooffatanii deemuu kan himan maddeen, Mootii Iddeessaa jala horii gaanfaa 12 fi harroota 4, Toleeraa Iddeessaa jalaa sangoota 12 akkasumas Alamaayyoo Iddeessaa jalaa horii 9 kan ooffatanii fi gandicha keessaa walumaa gala horii namootaa 200 ol ta’u saamuu dubbataniiru.
Akka maddeen jedhanitti namootni manni isaanii jalaa gubate qe’eef qabeenya isaanii dhabuun harka duwwaatti kan hafan yoo ta’u, hedduun isaanii muka jalatti galuun, gariin ammoo manuma jalaa gubate sana deebisanii utubuun itti galanii jiraachuu addeessan.


