ONM-ABO Amajjii 19, 2024
Muddee 1/2023 barataa Iyoob Faantahuun qaamolee murna faashistii PP tiksuuf hidhatanii jiran kan milishaa Oromiyaa jedhamuun beekaman mooraa yuunivarsitii Dambii Doolloo seenuun shugguxii ykn piistoo gurratti qabuun yaalii ajjeechaa irratti taasisaa fuudhanii erga ba’anii hanga ammaatti dararaa malee nagaan hin argamne.
Gochi seer-maleessummaan kun barattoota rifaasisuun guyyoota kudha afuriif (14) f barnoota addaan kutanii gochaan akkasii akka isaan irraa dhaabbatuuf mormanis bulchiinsi moorichaa, Bulchiinsaa fi Nageenya Godina Qellem Wallaggaa obbo Tasammaa Waariyoo itti waamuun dirqamaan gara daree barnootaatti deebisan. Obbo Tasammaan guyyaa sana “Yuunivarsitichi bulchiinsa godina keenyaa jala waan jiruuf yeroo barbaannetti seennee tarkaanfii barbaanne fudhachuu dandeenya, gara fuula duraattis barattoota baay’ee funaanna” jedhee barattoota fuul-duratti dhaadatee deeme.
Yuuniversiticha keessaa barsiisaa, qorataa fi barreessaa Hayyuu Ittafaas mana jireenyaa isaatii qabanii hanga har’aatti qorannoo tokko male gidirfamaa jira. Akkasumas barsiisaa Wayinaa Baqqalee kan jedhamullee ayyaanaaf baadiyyaarraa gara magaalaa dambii Doolloo dhufee qabamee hidhamuun torbee lamaa oliif gidirfamaa jira jedhu barattootni kunneen.
Magaala Dambii Doolloo fi mooraa Yuuniversitii keessatti yakka hojjechuu kan jabeessan ergamtootni bilxiginnaa Amajjii 3/2024 barattoota lama sabaan Amaara ta’an mooraa fuul-duratti rasaasaan rukuchuun tokko ajjeesanii tokko madoo cimaa taasisan.
Barataa Warquu Biraanee dippaartimentii Fayyaa waggaa 3ffaa kan baratu rasaasaan rukutamee battaluma sana yoo ajjeefamu, Waldee Asimaammawu dippaartimenti Farmaasii waggaa 3ffaa kan baratu rasaasaan yerooma wal fakkaatu rukutamuun miidhaa hamaan irra ga’ee hospitaala Dambii Doollootti wal’aanama jira.
Gochi kuni barattoota Oromoo fi Amaara walitti buusuuf ta’e jedhamee akka hojjetame dubbatameera. Amajjii 12/2024 ganama barii sa’a 11:00 irraa eegaluun poolisootni Federaalaa doormii sakatta’uun doorsisa hamaa barattoota irraan ga’anii turan.
Akka barattootni kun jedhanitti diraamaa siyaasaa qaamolee bilxiginnaan barattoota irratti hojjetamaa jiru kun qaamaa fi qalbii keenya irraa darbee lubbuu barattoota keenyaa galaafachaa waan jiruuf jabeessinee balaalleffanna, uummanni keenyas kana hubachuun keessaa fi alaa, akkasumas barattoonni Yuunivarsitiilee biroorra jirtan xiyyeeffannoon akka nu hordoftan jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.
Miseensotni raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa 2 ona Anfilloo mooraa waraanaa bulchiinsa magaalaa Seertum fi magaalaa Muggii irraa miliquun WBO tti makaman
ONM-ABO Amajjii 19, 2024 Murni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo humnaa fi goyyoomsaan guuree adda waraanaatti ergaa kan ture yoo ta’u, ilmaan Oromoo humnaan qabaman kunneenis fedhii isaanii malee waan qabamaniif akkasuma sirnichi gocha badii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru waan arganiif guyyaa guyyaan sirna dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru kana keessaa ba’uun WBOtti makamanii saba isaanii garbummaa jalaa baasuu irratti argamu.
Akka loltootni ona Anfilloo mooraa waraanaa bulchiinsa magaalaa Muggii fi Seertum irraa miliquun ba’aan kun himanitti, bakka kamittuu kan jibbamuu fi ajjeefamu ilmaan Oromooti, mirga gaaffii gaafachuu fi yaada dhiyeessuu nu hanqisuun, yaada tokkoyyuu yoo kaafne ajjeechaa fi hidhaa nurratti raawwatu jechuun dubbatu.
Akkasuma namoota nagaa irratti ajjeechaan raawwatamaa jiru daran nu aarseera kan jedhan loltootni kunneen, namni kun nama nagaadha maalif ajjeeftu jennee wayita gaafannus Waraana Bilisummaa Oromooti jedhanii ajjeechaa irratti raawwatu akkasumas isinumti mataan keessanuu deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhanii hidhaa hanga ajjeechaa nurratti raawwachaa jirus jedhan.
Loltootni kunneenis qawwee AKM turkii 2, rasaasa 400, boombii harkaa 4 fi hidhannoo waraanaa lama mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.
Karaa Waraana Bilisummaa Oromoo bakkichaatiinis simannaa ho’aan kan taasifameef yoo ta’u, ilmaan Oromoo sabaan Oromoo taatanii dhugaa jiru osoo beektanii saba keessan miidhaa jirtan maal akka gochaa jirtan dhaabadhaa of ilaala, yeroon kun yeroo itti saba ofii bira dhaabbatan malee saba ofii miidhan miti, kanaaf qabsoo WBOn geggeessaa jirutti dabalamaatii saba keessanitti dhukaasuu irra saba keessaniif dhukaasaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.
