ONM-ABO Amajjii 19, 2024
Ilaalchi murni maafi’aa PP ilmaan Oromoof qabu akkuma sirnoota darbanii yoo ta’u, diimookiraasiin isaanii afaaniin malee gochaan kan hin muldhanne yoo ta’u, ilmi namaas hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun bakka hundaatti akka bineensaatti adamfamuun osoo mana murtiitti hin dhihaatin ajjeechaan irratti raawwatamaa jira.
Bilxiginnaan tuffii ilmaan Oromoo irraa qabuuf jecha akka barbaadetti namoota nagaa jumlaan fixuu irratti bobba’ee kan jiru yoo ta’u, baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waamaa Kuraa fi Waayyuu Saqaa jedhamu irraa namoota lama kan maqaan isaanii Gammachuu Fiqaaduu fi Waganee Misgaanaa jedhaman gaafa Amajjii 16, 2024 mana isaaniitii qabuun bakka Koyyee jedhamutti ajjeesuu maddeen ONMtti himan.
Akkasuma aanicha keessatti namoonni lakkoofsaan hedduu ta’aan osoo mana murtiitti hin dhihaatin gidiraa hamtuu keessummeessaa kan jiran ta’uu fi namoota hedduus halkan halkan mana hidhaa baasuun dhoksaan ajjeesanii gataa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

