ONM-ABO Amajjii 19, 2024
Waraanni faashistii PP naamusa badaa qabatanii kan bobba’aan guyyuu akkaataa ittiin hawaasa Oromoo siyaas-dinagdeen dadhabsiisan kaadiroota sirnichaa waliin mari’atanii yeroo ammaa saamicha daangaa hin qabne labsuun maatii harka qalleeeyyii dabalatee namoota cufa hiraarsaa akka jirantu himama.
Akkuma kanaanis torbee darbe irraa kaasee godina lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa gandoota 23 achi keessatti argamu hundaa keessatti waraanni maafi’aa PP magaalaa aanichaa irraa gara gandoota baadiyyaa jiru hundaa Keessa deemuun manneen hawaasaa tokko tokkoon irra deemuun midhaan quunnaa tokkoo fi buna quunnaa tokko dirqamaan funaanaa jiru jechuun dubbatu.
Haala yeroo ammaa jiraattotni Keessa jiran namootni ONM dubbise tokko tokko akka jedhanitti, namoota qabeenyaa homaa of harka hin qabne maatii harka qalleeeyyii ofiifuu haalli qaala’iinsa jireenya rakkoo itti ta’uun ilmaan harkatti hubaa jiru waraanni kunneen hamma dhiyeessitanitti jiraachuu hin dandeessan jechuun gadadoo ulfaataaf saaxilaa akka jiran dabaluun rakkoo keessa jiran kanas himatu.
Dabalataanis onuma kana keessatti jiraattotaan kaffaltii inshuuraansii fayyaa jedhanii qarshii 960 namoota cufa irraa guuraa jiraachuu himuun, uummatni Onichaa rakkoo hamaa Keessa akka jiran beekameera.



