• Thu. Mar 12th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti dargaggoon tokko rasaasa hidhattoota garee maafi’aa PPn ajjeefame

Jan 19, 2024

ONM-ABO Amajjii 19, 2024

Ajjeechaan murni bilxiginnaa ija Addunyaa jalaa dhokachuun, ilmaan Oromoo bakkeewwan hedduutti kan dhoksaan ajjeefamanii maatiin eessa buutee isaanii dhabanii iyyaafachaa jiran malee kan ija uummataa duratti maqaa waraana bilisummaa Oromoo itti maxxansuun ajjeefamaa jiran guyyaa irraa guyyaatti dabalaa jira.

Afaaniin sabboonummaa Oromoo faarsaa ajjeechaa uummata nagaa irratti gochaa kan jiran PPn ilmaan Oromoo yeroo ammaa bahaaf gala wallaaluun rakkoo hamtuu keessa kan jiran yoo ta’u, guyyaa dheengaddaa jechuun Amajjii 17, 2024 kibba lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Abeebee ganda Haallee Kanchii keessatti dargaggoo maqaan isaa Dhaabii Baay’isaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni bakkichaa ONMf himan.

Gochootni ajjeechaa kun irra deddeebiin aanicha keessatti raawwachaa akka jiru kaasuun gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, namoonni hedduun mana hidhaa keessatti jumlaan dararamaa fi ajjeechaan seer malee irratti raawwatamaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading