• Tue. Jan 13th, 2026

Kooriyaan Kaabaa yaalii ‘ meeshaa niwukilaraa bishaan jalaa’ gaggeessite

Jan 19, 2024

Dirooniin bishaan jalaa meeshaa niwukilaraa baachuu danda’a jedhame kun qarqara bahaatti yaalamuu isaa miidiyaaleen mootummaa Kooriyaa Kaabaa beeksisaniiru.

Yaalii gaggeeffamaa jiruuf ragaan biraa kan hin jirre yoo ta’u, Si’ool kanaan dura ibsa Kooriyaan Kaabaa daandeettii diroonii kanaa garmalee ta’uu ibsiteetti.

Kooriyaan Kibbaa qorannoo gabaafame kana ”kakaasa” jetteetti.

Ministeerri ittisaa Kooriyaa Kibbaa ”nagaa peeniinsulaa Kooriyaa fi addunyaa balaadhaaf saaxilaa jira,” jechuun itti dabaluudhaan, ”Kooriyaan Kaabaa kallattiin yoo nu aarsite, qajeelfama tarkaanfii hatattamaa, cimaa fi dhuma irratti fudhatamu hordofuun haala humna ol ta’een deebii kennina,” jedheera .”

Kooriyaan Kaabaa kanaan dura meeshaa “Haeil-5-23” isaaf yaalamuu himachaa ture, garuu taatee yeroo dhiyootti mudate Kooriyaan Kaabaa torbanneen darban keessa tarkaanfii waraanaa daran dabalaa jirti.

Dilbata darbe ammoo misaa’ela balistikii fageenya gidduu galeessaa haaraa boba’aa jabaa qabu bobbaasuu isaa himate.

Sunis torban jalqabaa baatii Amajjii keessa daangaa galaanaa Kooriyaa Kibbaa waliin taasifamu irratti shaakala dhukaasaa kallattiin gaggeeffame hordofeeti.

Hogganaan Piyoongiyaang Kiim Joong Un kallattii imaammataa fi dubbii isaanii irrattis cimina guddaa agarsiisaniiru – ji’oota darban keessa waliigalteewwan nagaa eeguuf kaayyeffatan hedduu xumuraniiru.

Jimaata har’aa Kooriyaan Kaabaa shaakala waloo Waashingitan, Seoul fi Tookiyootiin geggeeffame hordofuun kakaafamtee yaalii kana geggeessuu ibsiteetti jedha gabaasni dhaabbata mootummaa KCNA.

Shaakala kanaan ”haala naannoo daran tasgabbii dhabsiisuu” fi nageenya Kaabaa balaadhaaf saaxilu jechuun himatte.

US, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan tarkaanfii waraanaa Kooriyaan Kaabaa irra deddeebiin fudhachaa dhufuuf deebii ofirraa ittisuuf jecha waggaa darbe keessa shaakala dabalataa gaggeessuu isaanii kan himan yoo ta’u, kunis yaaliin dachaa misaa’ela balistikii niwukilaraa ishee fi meeshaa waraanaa haaraa furguggisuu kan dabalatudha. Tarkaanfiin akkanaa hundi qoqqobbii UN cabsuudha.

Garuu Mr Kiim sirni isaanii waraana ”yeroo kamiyyuu” peninsula kana irratti ka’uu danda’uuf qophaa’uuf jecha meeshaa waraanaa isaa ijaaraa akka jiru irra deddeebi’anii dubbataniiru.

Bara haaraa keessatti ejjennoo sirni isaanii Kooriyaa Kibbaa irratti qabu irratti jijjiirama imaammataa bu’uuraa tokko tokko agarsiisaniiru.

Akkasumas jalqaba torban kanaa galmi bu’uuraa duraanii Kooriyaa Kibbaa waliin deebi’anii tokkoomuu akka xumurame labsuun Kibba ”diina ijoo” jechuun moggaaseera.

Dubbiin kun dandeettii waraanaa fi niwukilaraa biyya isaanii irratti guddina hedduu himataman hordofeeti – hojii bishaan jalaa ishee dabalatee.

Ji’a Fulbaanaa darbe Kooriyaan Kaabaa doonii bishaan jalaa meeshaa niwukilaraa furguggisuu danda’u isa jalqabaati jedhu ifa gootetti.

Bitootessa 2023 irraa eegalee sirna Haeil ishee – diroonii nama maleessa, bishaan jalaa niwukilaraa hidhate irrattis yaalii akka taasifte himteetti. Haeil jechuun afaan Kooriyaatiin “tsunami” jechuudha.

Waa’ee meeshaa waraanaa kanaas ta’e ga’umsa isaanii jedhaman waanti beekamu xiqqaa ta’us miidiyaaleen Kooriyaa Kaabaa bishaan diinaa dhoksaan seenuun dho’iinsa bishaan jalaa gurguddaa fiduu akka danda’an ibsaniiru.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, meeshaaleen waraanaa kunneen Kaabaan akka dhiheessetti yoo hojjetan, misaa’ela niwukilaraa balistikii sirnichaa caalaa akka meeshaa guddaa hin taaneetti ilaalama.

“Sadarkaa saayinsii ittisaa Kooriyaa Kaabaa fi meeshaan waraanaa kun ammallee sadarkaa guddinarra jiraachuu isaa yoo ilaalle, ammallee sadarkaa balaa guddaa fiduu danda’u irra hin jiru,” jechuun Ahn Chan-il, Dhaabbata Qorannoo Addunyaatti dhimma Kooriyaa Kaabaa kan qoratu dhaabbata oduu AFPtti himeera.

Dhuma bara darbee Piyoongiyaangis yaaliin kanaan dura godhame fashalaa’ee booda saatalaayitii basaasaa hawaa keessa kaa’uu milkaa’uu ishee kan labsite yoo ta’u, bara kana sadii dabalataa kaa’uuf waadaa galteetti.

Saatalaayitiin kun qabatamaan hojjechaa jiraachuu fi dhiisuun isaa ammallee of danda’ee hin mirkanoofne.

Garuu Kooriyaan Kibbaa akka jettetti, Kaabni gargaarsa Raashiyaa irraa argatteen saatalaayitii ishee ol baasuu dandeesseetti, Raashiyaan ammoo dabaree isheetiin waraana Yukireen keessatti geggeessiteef Kaaba irraa meeshaa waraanaa akka argatte himameera.

Mr Kiim bara darbe hogganaa Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi ministeera ittisa Raashiyaa Sargee Shoiguu waliin walgahii olaanaa taasisaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Kooriyaa Kaabaas torbee kana Moskoo keessa turan jechuun BBCn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading