• Wed. Jan 14th, 2026

Baha Oromiyaa Godina Harargee Bahaa aanaa Baddannoo magaalaa Baddannoo keessatti saamichi jiraattota irratti hammaachuu jiraattotni ONMtti dubbatan

Jan 20, 2024

ONM-ABO Amajjii 20, 2024

Impaayera Itoophiyaa humna waraanaan laamsha’ee dinagdeen isaanii harkatti kufe murni bilxiginnaa deebisanii ijaaruuf Uummata Oromoo ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa humna isaa ol itti ta’e afaan qawwee fayyadamuun uummata saamanii egeree isaa gadadootti hambisaa jiru.

Gareen saamichaaf bobbaafaman kunneen Harargee bahaa aanaa Baddannoo qofa keessatti akka jiraattotni jedhanitti bara kana keessa qofa yeroo shanii oliif maqaa adda addaa moggaafachuun maallaqa dirqamaan nurraa guuranii jiru jedhu.

Tibba kana ammoo maqaa Boondii bitadhaa jedhuun uummata dirqamaan qarshii kuma tokkoo hanga kuma shanii kaffalchiisaa jiraachuu dubbachuun sirnichi ilmaan Oromoo kallattii hundaanuu lafa irraa balleessuun karoora isaa isa ijoo akka ta’es dabaluun ibsaniiru.

Oduuma biraatiin ammoo aanichuma keessatti murni bilxiginnaa dargaggoota baay’inni isaanii 630 ta’aan miseensa paartii jechuun guyyaa shaniif waltajjii teessisaa turuu fi namoota leenjii kennaafii turan kanas basaasummaaf akka bobbaasan himuun, uummanni aanaa sanaas jarreen kana irraa akka of eeggatan dhaamsa ittiin nuuf ga’aa jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading