• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti bulchaan bulchiinsa magaalaa Ukkee maallaqa qarshii 30,000 nama dhuunfaa irra fudhachuun namichas achi buutee dhabamsiise

Jan 20, 2024

ONM-ABO Amajjii 20, 2024

Ilmaan Oromoo bara bulchiinsa Kolonel Abiy Ahimed biyya isaa irratti nagaa dhabuun qaamni meeshaa hidhatee fi aangoo of harkaa qabu akka barbaadetti namoota ajjeesuu fi saamuu irratti bobbaa’anii namoota meesha-maleeyyii hiraarsaa jiru.

Kaabinoota hanga hidhattootatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo daldala isaanii taasifachuun ati deggaraa WBOti maqaa jedhuun namoota hedduu saamicha irratti raawwachaa kan jiran qaamonni kunneen, baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Ukkee keessatti bulchaa gandaa kan ta’e namni maqaan isaa Abdallaa Umar jedhamu nama obboo Lammii jedhamu irra maallaqa 30,000 fudhachuun isas hanga ammaatti achi buutee dhabamsiisuu maddeen himan.

Namni kun qonnaan bulaa guyyaa gabaa sangaa gurguratee wayita galutti bulchaan gandaa kun duukaa bu’ee kottu ni barbaadamtaa, erga jedheeniin booda mana hidhaa galchee maallaqa isaa erga irra fudhatee booda guyyuma sana halkan sa’a 6:00tti mana hidhichaa irraa baasuun Amajjii 10, 2024 kan qabame hanga har’aa kanatti eessa akka geesse hin beekamin jiraachuu fi yeroo ammaas maatiin iyyaafatanis argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Leave a Reply