• Thu. Nov 19th, 2026

Godina baha Harargee aanaa Haramaayyaa keessatti saamichi jiraattota irratti adeemaa jiru jabaate

Jan 20, 2024

ONM-ABO Amajjii 20, 2024

Gareen saamichaaf ijaaramee Oromiyaatti bobba’ee jiru maqaa paartii badhaadhinaa jedhu moggaafatee naannoo bulchaa jirra jedhan keessatti saamicha daangaa hin qabne maqaalee hedduu caqasuun jiraattota irratti gidiraa hamtuu geggeessaa jiru.

Haaluma kanaanis godina baha Harargee aanaa Haramaayyaa Araddaa Adele wal-taa’aa keessatti hawaasa irratti humnootni waraanaa milishoota waliin ta’uun manneen jiraattotaa irra deemanii qarshii 10,000n tokkoo tokkoo abboota warraa irraa guuraa akka jiran dubbatamaa Kan jiru yoo ta’u, dabalataanis maallaqa inshuuraansii fayyaa jechuun qarshii 950 guuraa jiru jechuun dubbatu.

Namootni maallaqa gaafataman kanfaluu hin dandeenye isin deggertoota waraana bilisummaa Oromoo sababa taataniif diddan jechuun jireenyi isaanii hidhaa fi reebicha ta’ee mul’ataa kan jiru hogguu ta’u, haalli ilmaan Oromoo yeroo ammaa kana Keessa jiran baay’ee ulfaataa fi jiraachuufuu kan nama jibbisiisuudha jechuun jiraataan ONM dubbise rakkoo keessa jiran bifa gaddaan ibseera.

Leave a Reply