ONM-ABO Amajjii 22, 2023
Waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandii diduu keenya ni mirkaneessina, naannoo Somaaliyaa fi nageenya ishee irratti balaa kamuu hin hayyamnu kan jedhan Al-Sisiin, obsa Masrii qoranii obboloota ishee doorsisuun faayidaa eenyuufuu hin qabu, keessattuu yoo isaan Masriin gidduu akka seentuuf gaafatan.
Muuxannoo Somaaliyaa bara 1990 irraa eegalee tasgabbii dhabuu mudate irraa barachuu qabna jedhan Al-Sisiin lammiilee Masriitiin.
Hanga mootummaa tasgabbaa’aa fi nageenya qabu qabnutti qormaatni kamiyyuu nu mudachuu danda’a jechuun uummata isaaniif dabalanii ibsaniiru.
“Masriin nageenya Somaaliyaatiif kutannoo qabdu irratti ejjennon dhaabbatti. Qaamni alaa kamiyyuu uummata Somaaliyaa sodaachisuuf ykn nageenya isaa balaadhaaf akka saaxiluu hin hayyamnu. Deggarsi obboloota keenyaaf goonu hin raafamu, yoo isaan nu waaman immoo tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti hin jennu” jedhan.
Preezdaantiin Masrii Abdel Fattah AlAl-Siisii gita isaanii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud waliin Dilbata kaleessaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin jechoota kana dubbatan.
Walitti dhufeenya ho’aa agarsiisuudhaan prezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al-Sisi gita isaanii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud gara Kaayirootti simatamanii marii murteessaas taasisaniiru. Ajandaan isaanii hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi dhimmoota naannoo barbaachisummaa waliinii qaban qajeelchuu irratti kan xiyyeeffate ture jechuunis Daily News Egypt gabaaseera.





