• Tue. Jan 13th, 2026

Dararaa guddaan jiraattota Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa irratti raawwachaa jiru hammaatee itti fufee jira

Jan 23, 2024

ONM-ABO Amajjii 22, 2023

Mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed waraana isaa hawaasa nagaatti bobbaasee Oromiyaa guutuu keessatti dararaa guddaa raawwachaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa dhiibbaa loltootni kunneen geggeessaa jiraniinis namootni hedduun ajjeefamuu fi qaama hir’uu ta’uun gadadoo ulfaataa argaa jiru jechuun jiraattotni aanaa Saasiggaa dubbatu.

Akkuma kanaanis Amajjii 18, 2024 godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Qarsaa Mojoo jedhamu keessatti Garramuu Tolosaa nama Jedhamu waraanni maafi’aa PP qaama seeraatu si barbaada jechuun ati WBO waliin hariiroo uumtee jirta maqaa jedhuun qorannoo tokko malee reebicha irratti taasisaniin yeroo ammaa kana haalli fayyummaa isaa nama yaaddessa jechuun namootni itti siqeenyaan dhimma isaa beekan ONMtti himaniiru.

Waraanni maafi’aa PP kunneen dhiibbaa ajjeechaa fi reebichaan alattis saamicha qabeenyaa jiraattota irratti raawwachaa akka jiran Kan himamu yoo ta’u, ganduma Qarsaa Mojoo keessatti Ogeessa fayyaa Iddoosaa Gammachuu Jedhamu jalaa dawaa mana yaalaa isaa keessaa guutummaa guutuuttii waan jiru saamuun akka deemanis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading