• Sat. Mar 14th, 2026

Gamtaan Awurooppaa dhaabbilee Sudaan keessatti ‘tasgabbii dhabsiisan’ jedhamanii himataman ja’a irratti qoqqobbii kaa’e

Jan 23, 2024

ONM-ABO Amajjii 23, 2024

Manni Maree Awurooppaa (EC) dhaabbilee waraanaa Sudaan, waraana Sudaan fi humna deeggarsa ariifataa (RSF) maallaqaan gargaaruu fi hidhachiisuu keessatti hirmaatan jedhamanii ja’a irratti qoqqobbii kaa’eera.

Qaamoleen ja’an kunneen “hojiilee tasgabbii fi ce’umsa siyaasaa Sudaan miidhan deeggaruuf” itti gaafatamummaa kan qaban ta’uu EC ibsa Wiixata kaleessaa baaseen beeksiseera.

Dhaabbilee qoqqobbii irra kaa’aman keessaa sadii Humnoota Waraanaa Sudaan (SAF)n kan to’ataman yoo ta’u, Sirna Industiriiwwan Ittisaa, Biraasels bara 2020tti galii doolaara biiliyoona 2 tilmaame dabalateeti.

Dhaabbileen sadan biroo qoqqobbii irra kaa’aman meeshaalee waraanaa RSFf bituu irratti hirmaatanii dha.

Waraanni Sudaan fi RSF walakkeessa baatii Eblaa irraa eegalee lola Mootummoonni Gamtooman namoota 12,000 ol ajjeesee fi miiliyoona 7.5 qe’ee isaanii irraa buqqise jedhe geggeessaa jiru.

”Dhaabbileen tarreeffaman qabeenya dhorkamuu danda’u. Maallaqni ykn qabeenya dinagdee kallattiinis ta’e al-kallattiin isaaniif ykn faayidaa isaaniif kennuun dhorkaadha,” jedheera EC.

“Gamtaan Awurooppaa haala namoomaa Sudaan keessatti mul’atu irratti yaaddoo guddaa kan qabu yoo ta’u, uummata Sudaanif deeggarsa cimaa, fi tumsa isaa irra deebi’ee mirkaneessa,” jechuun dabalee ibseera.

Gamtaan kun tarkaanfii Ameerikaan fudhatte kan calaqqisiisu yoo ta’u, baatii Waxabajjii keessa dhaabbilee SAF fi RSF waliin hidhata qaban lama irratti xiyyeeffachuun qoqqobbii jalqabaa waldhabdee Sudaan waliin walqabatee kaa’eera. UKn itti aansitee dhaabbilee daldalaa gareewwan waraanaa Sudaan waliin hidhata qaban irratti tarkaanfii walfakkaatu fudhatteetti.

Ji’a Sadaasa keessa Gamtaan Awurooppaa naannoo Sudaan Daarfuur keessatti jeequmsi hammaate balaaleffachuun, waldhabdeen bara 2003 fi 2008 gidduutti achitti uumame namoota gara 300,000 ajjeesee fi miliyoona lamaa ol qe’ee isaanii irraa buqqa’ee booda balaa duguuggaa sanyii biraa akka mudatu akeekkachiiseera.

Idilli-addunyaa dhukaasa dhaabuu waaraa bocuuf yaaliin godhaa jirastus lolli akkuma itti fufee jira.

Sanbata darbe mootummaan Sudaan miseensummaa Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Giddugaleessaa (IGAD) kan naannoo Baha Afrikaa kan marii qaamolee biyyattii wal waraanaa jiran jidduutti ta’uuf yaale addaan kuteera.

Waldhabdeen kun kan ka’e karoora sadarkaa idil-addunyaatiin deggaramee RSF’n waraana keessatti walitti makuun gara filannootti ce’uu jalqabuuf ture.

Bulchaan yeroo dheeraa Omar al-Bashir bara 2019 fincila uummataatiin erga kuffifamee booda waraanaa fi RSF aangoo qooddataniiru.Gamni lamaan gocha bara 2021 raawwataniin Sudaan gara dimokiraasiitti qajeelchuuf tattaaffii taasifamaa ture duubatti deebiseera.

Waraana amma jiru hunda keessatti waraanni fi RSF yakka waraanaatiin himatamaa kan turan yoo ta’u, kunis loogii tokko malee naannoo mana jireenyaa irratti dhukaasa banuun, dararaa fi namoota nagaa badii malee hidhuu dabalata jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading