• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Harargee Bahaa aanaa Gola Odaa keessatti dhibeen koleeraa lubbuu namootaa galaafachaa jiraachuu Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum keessatti hidhaan hammaate

Jan 24, 2024

ONM-ABO Amajjii 24, 2024

Baha Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Gola Odaa magaalaa Burqaa keessatti weerara dhibee koleeraa jiraattota mudatee jiruun haga ammaatti namootni hedduun gaaga’ama ulfaataa keessa seenanii jiraachuu fi dhukkubicha dandamachuu dadhabuun namootni lubbuun darban dhiira 8 fi dhalaa 6 walumaa gala baay’inni isaanii 14 guutuu maddeen beeksisan.

Dhibeen koleeraa saffisa guddaatiin namootaa namootatti daddarbuun lubbuu daa’immanii, gaa’essotaa fi maanguddootaa osoo hin jedhin lafarraa dhabamsiisaa jiru kun, sababa hanqina hordoffii ogeessota fayyaatiin sadarkaa kanarra ga’uu maddeen dubbachuun, eega dhibeen kun akkaan babaldhatee boodas waldhaansi namoota dhukkubsataniif kennamaa jiru ga’aa kan hin taanee dubbatan.

Lixa Oromiyaa aanaa Begii fi Qondaalaa keessatti ammaan dura bifuma walfakkaatuun weerarri dhiibee busaa lubbuu namoota hedduu lafarraa duguugaa kan ture yoo ta’u, murni PP qorichaa fi yaala ga’aa uummata irraa kutuun miidhaa guddaan akka qaqqabu taasisaa turuun kan yaadatamuu Fi hardhas dhukkuba daddarbaa kana uummata aanaa Gola Odaa irraa dhaabuuf tajaajilli ga’aa kennamaa jiraachuu dadhabuun Sirnichi rakkoo sabichaaf dantaa akka hin qabne mullisa jechuun maddeen himaniiru.

Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo Amajjii 20, 2024 jiraataa Baha Oromiyaa godina Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultum magaalaa Burqaa bakka addaa Maddara jedhamtuu kan ta’e ilmi Oromoo maqaan isaa Anuwaar Zannabaa jedhamu balleessaa tokko malee mana isaa keessaa milishoota PPn fuudhamuun waajjira Poolisii magaalaa Burqaa keessatti hidhamee dararamaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Namni kun abbaa ilmaan saddetii (8) yoo ta’u, guyyaa gaafa qabameen booda Amajjii 21, 2024 ganama milishaa maqaan isaa Maammudee Muhaammud Sa’id jedhamu mana hidhaa keessaa gadi baasee reebicha hamaa irratti raawwateen harkaa isaa eega cabseen booda yaala fayyaa kamillee dhorkachuun manuma hidhaatti ol deebisee dararaa Fi rakkoo ulfaattuu irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading