• Sun. Mar 15th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree keessatti kaadirootni sirna PP namoota hidhuun maallaqa guddaa gaafachuun dararaa jiraachuun dhaga’aame

Jan 27, 2024

ONM-ABO Amajjii 27, 2024

Oromoo cabsanii Oromiyaa kolonii isaanii Jala galchuuf murni bilxiginnaa siyaasa xoxobbee guyyuu baasuun ilmaan Oromoo irratti daba guddaa dalagaa Kan jiran yoo ta’u, hawaasa nagaa manneen hidhaatti galchuun maallaqa guddaa Kan ittiin manneen hidhaa keessaa ba’aan gaafachuun rakkoof saaxilaa akka jirantu himama.

Haaluma kanaanis Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baqqoo Jimaa keessatti hawaasa nagaa waraana bilisumaa Oromoo bira deemuun waa’ee keenya mari’achaa turtan jechuun namoota maqaan isaanii Hamzaa Jamaal, Shamshuddiin Jamaal, Nasruu Abdallaa, Aliyyii Muusaa, Abbaa Taajuu fi namoota sadii kan maqaan isaanii nun geenye hidhuun maallaqa qarshii 5000 kaffalaa ba’aa jechuun hiraarsaa jiraachuun beekameera.

Namoota maallaqa gaafataman dhaban kanneenis doorsisaa fi reebichi karaa humnoota waraanaa irratti taasifamuun haalli fayyummaa isaanii yaaddessaa akka ta’e jiraattotni dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading