ONM-ABO Amajjii 27, 2024
Uummanni Oromoo qe’ee abbaa isaa irratti nagaan ba’ee nagaan galuun bara bulchiinsa Kolonel Abiy Ahimed ulfaataa ta’uun gochaa isaa malee ajjeechaan jumlaa irratti raawwatamaa jira.
Aanaa Gadab Hasaasaa ganda hulluuqqoo keessatti torban darbe gaafa roobii ganama dargaggeessa tokko mana hidhaa waajjira poolisii aanaa Gadab Hasaasaa keessaa baasuudhaan gara ganda Hulluuqoo geessuun ajjeessanii bakkeetti gatuu maddeen himan.
Erga ajjeesaniin boodas awwaalcha dhoowwuun guyyaa 4 erga bakkee tureen booda uummanni kaasee akka awwaales himan.
Ammajjii 19, 2024 nama lammaffaa umuriin dargaggeessaa uffata waraanaatiin fidanii achumatti ajjeesanii akka gatanis dabaluun ibsan.
Akkasuma gaafa Amajjii 21, 2024 nama ganna 50tti tilmaamamus reenjarii itti uwwisanii ganda Coofira Shaasheetti ajjeessanii gatuu himuun gochoonni namoota mana hidhaa baasanii ajjeesuu kun godinicha keessatti babalatee jiraachuus himu.
Oduu hidhaan wal qabatuun godinichuma aanaa Adaabbaa ganda Aboo Kaarraa keessatti hidhaan daangaa hin qabne hidhattoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiraachuu fi namoonni hedduunis murtii seeraa malee hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen ibsan.
Ilmii Yeebbaa, Maammee Ahimed, Addisuu Usii, Ibiraahim Amaan, Maammee Anoo fi Abdurahamaan Sheekoo kanneen jedhaman murtii seeraa malee maqaa WBO deggertu jedhamaniin torban tokkoo oliif hidhamanii hiraarfamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.




