ONM-ABO Amajjii 29, 2024
Ji’a lamaan dura arrabsoo sanyummaa barataan Amaaraa tokko ilmaan Oromoo irratti gaggeesseen, walitti bu’iinsi sabummaa mooricha keessatti dhalatee kan ture yoo ta’u, rakkoo kana tasgabbeessuutiif hooggantootni moorichaa barataa kana seera moorichaatiin gaafatanii akka adaban waadaa seenanii yeroof dubbicha qabbaneessan illee tarkaanfiin naamusaa haga hardhaatti fudhatame tokkollee kan hin jirre ta’uu barataan Oromoo moorichaa tokko dubbate.
Kaleessa Amajjii 28, 2024 galgala Yuuniversiitii Finfinnee Kolleejjii fayyaa beeyladaa mooraa Bishooftuu keessatti waraqaan loogii sanyummaa, dabaa fi shira hooggantootni moorichaa barattoota Oromoo irratti raawwataa jiran balaaleffatu mooricha keessaa bakkoota garaa garaatti maxxanee kan bule yoo ta’u, rakkoo fi dhiibbaa barattootni Oromoo Oromummaa isaaniitiif keessummeessaa jiranis waraqaa kanaan ibsamaniiru.
Ibsi waraqaa kanaan taasifame akka jedhutti Arrabsoo yeroo garaa garaa nurratti gaggeeffamaa tureen cinatti, dhiyeenya barataan Amaaraa tokko ifatti “Gaallaa” jedhee ilmaan Oromoo arrabsuu isaatiin walqabatee rakkoo kana qaamni dhimmi isaa ilaallatu karaa nagaan itti darbee tarkaanfii barbaachisu akka fudhatuuf gaafa 18,03,2016 A.L.I waraqaa galchinee iyyannee turrullee, rakkoo kana atattamaan furra jedhanii afaaniin nu Kuulanis waanti raawwatame tokkoyyuu hin jiru jedha.
Qaamni dhimmi isaa ilaallatu seeraa fi dambii moorichaatiin adabbii maluuf kennee barataa arrabsoo nurratti gaggeesse kana adabuun haa hafuutii waameeyyuu hin qoranne kan jedhu ibsichi, barataan kun haga hardhaatti sodaaf birruu tokko malee barnoota isaa hordofaa turuun qormaata seemisteera 1ffaa fudhatee xumuruu dubbatan.
Barataan moorichaa ONM dhimmuma kanaan walqabsiisuun dubbise tokkos Akka jedhutti gochi hooggantootni moorichaa itti jiran miira barattoota hedduu xuqee kan jiru yoo ta’u, moorichi rakkoo barattoota Oromoo irra ga’aa jiruuf gurra laachuu kan hin feenee fi sagalee barattootaa ukkaamsuun daba ulfaataa rakkoo guddaa mooricha keessatti dhaluuf adeemaa jiru dalagaa jiraachuu hima.
Xumura irrattis barattootni Oromoo moorichaa ibsa isaanii kanaan, adeemsi nuti rakkoo jiru daandii nagaatiin furachuuf taasifne tuffii hamaa nuti keessa jirruuf furmaata waaraa uumuu osoo qabuu, gadaantummaa fi hacuuccaa nurratti goobsaa waan jiruuf, duula eenyummaa keenyaaf nurratti gaggeeffamaa jiru qolachuutiif akkasumas dachii abbaa keenyaa irratti kabaja namummaa keenya tikfachuutiif tarkaanfii bifa kamiiniyyuu nuti mooricha keessatti kana booda fudhannuuf gaafatamummaa guutuu kan qabu hooggantoota moorichaati jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.







