• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti dargaggoon tokko milishoota sirnichaan ajjeefame

Jan 29, 2024

ONM-ABO Amajjii 29, 2024

Milishoonni murna bilxiginnaa leenjii waraanaa fi siyaasaa hin qabne murna bilxiginnaan meeshaa hidhachifamuun uummatatti nagaatti bobbaafaman akka barbaadanitti sa’a fedhanitti dhuganii macha’uun lubbuu namoota nagaa dhangalaasaa oolu.

Amajjii 26, 2024 lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Baakkoo keessatti dargaggoo maqaan isaa Galataa Shibbiruu jedhamu bakka hojii isaatti itti dhaquun osoo inni Puulii taphachiisaa jiru sababa tokko malee rasaasa itti dhukaasuun ajjeesuu maddeen magaalichaa himan.

Dargaggoon kun dhalootaan baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa yoo ta’u hojii puulii taphachiisuun kan jiraatu ta’uu fi yeroo hedduu maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhamuun hidhamaa turuus maddeen dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading