ONM-ABO Amajjii 29, 2024
Maalii, Burkinaa Faasoo fi Niijar kana booda miseensota Hawaasa Diinagdee Biyyoota Afrikaa Dhihaa (ECOWAS) akka hin taane qondaaltonni waraanaa biyyoota sadeen isaanii ibsa waloo Dilbata kaleessaa oduu televijiinii irratti dubbifameen murteessuu televijiiniin Maalii (ORTM) jedhamu ibse.
Gama Maaliitiin ibsi kun kan dubbifame Ministira Bulchiinsa Naannoo fi Giddugaleessa Bulchiinsa Maalii fi dubbi himaa mootummaa ce’umsaa Maalii Koloneel Abdulaye Mayigaatiinii.
Akka isaan jedhanitti murteen kun “abbaa biyyummaa guutuudhaan” kan fudhatame pirezidaantii Ce’umsaa Burkinaa Faasoo Ibraahim Traore, pirezidaantii yeroo Maalii Koloneel Assimi Goita fi pirezidaantii Mana Maree Biyyoolessaa Eegumsa Biyyaalessaa Niijer Birgaader Jeneraal Abdourahamane Tchiani, “eeggannoo, yaaddoo fi hawwii uummata isaaniif” deebii kennuuf “itti gaafatamummaa seenaa duratti” fudhachuuf murteessanii dha jedhan.
ECOWAS bara 1975 ergama dameelee sochii dinagdee hunda, keessumaa industirii, geejjibaa, telekoomii, anniisaa, qonna, qabeenya uumamaa, daldala, gaaffii maallaqaa fi faayinaansii, fi dhimmoota hawaasummaa fi aadaa irratti walitti makamuu dinagdee guddisuuf kan hundeeffame dha.
Waajjira Muummee magaalaa Abuujaa irraa kan qabu ECOWAS, biyyootni sadan humna waraanaan erga aangoo qabatanii, sirna heera mootummaatti akka deebi’an ECOWAS gaafachuun, qoqqobbii cimaa irra kaa’eera jechuun Jiinuwaan gabaaseera.

















