• Fri. Jan 2nd, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti qabeenyi jiraattotaa waraana faashistii PP’n saamamaa jiraachuun dhaga’aame

Jan 30, 2024

ONM-ABO Amajjii 30, 2024

Bara dhufaa darbaa qe’een uummata Oromoo goolumsa ulfaataa keessummeessaa har’a kan ga’e ta’uyyuu, sirni badhaadhina jedhee maqaa moggaafatee waggootan 6n darbanii kaasee aangoo impaayerrattii of harka qabu daran rakkoof sabicha saaxiluu irratti argama.

Akkuma kanaanis godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Wandoo jedhamutti qabeenyi jiraattotaa saamamaa jiraachuun kan beekame hogguu ta’u, dargaggoo Iyyaasuu Tasfaa jedhamu jalaa uffannaa isaa fi Kan maatii gubuun loozii kuntaala 15, damma 150kg, buna kuntaala 5 fi loon hawaasa gandichaa 40 jalaa saamuun akka deeman beekameera.

Saamicha qabeenyaa birattis namootni nagaan siyaasa keessaa harka hin qabne reebicha, hidhaa fi ajjeechaa aanicha keessatti taasifamaa jiruun manaa nagaan ba’aanii galuun ulfaatee jira jechuun dabaluun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading