ONM-ABO Amajjii 30, 2024
Baha Shaggar ona Faantaallee daandii guddaa gara Jiibuutii geessu irratti tarkaanfii iddoo sadiitti fudhatamee jira.
Tarkaanfiin kun guyyaa kaleessaa Amajjii 29, 2024 kan fudhatameedha. Bakkootni sadan kunis ganda Ajoo Saalaa, Ulaa Ilma Giluu fi Ilaalaati.
Tarkaanfii laalessaa Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kabachiisuuf fudhatame kana irraa kan baarage diinni naannoo sanatti hin argamne.
Sochiin geejjibaa guyyaa har’aa daandii sana irraa akka hin turre barameera.
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhate kanaanis konkolaataan paatirooliin bilxiginnaa tokko fi konkolaataan uummataa waraanaa sirnichaa baattee socho’aa turte tokko dantaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taatee jirti.
Tarkaanfiin labsii kabachiisuu fudhatamuu itti fufa!
