ONM-ABO Amajjii 30, 2024
Sirna cunqursaa ilmaan Oromoo naasuu tokko malee haleellaa xiyyaaraa nama maleessaa diroonii jedhamuu fi waraana lafoo kuma dhibbootaan lakkaa’aman bobbaasee duguggaa sanyii raawwachaa jiru hundeen buqqisuuf diddaan uummata Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Dilbata Amajjii 28, 2024 sa’a 12:00 irraa qabuun waamame Oromiyaa bakkoota cufatti hojii irra oole guyyaa 2ffaa lakkoofsiseera.
Labsiin kaleessa ganama daandiiwwan aanotaa fi godina wal qunnamsiisan, magaalotaa fi magaalota, magaalota -magaalaa Finfinnee waliin, akkasumas Oromiyaa naannolee ollaa waliin wal quunnamsiisu cufuun sochiin geejjibaa akka hin jiranne yoo godhu, bakkeewwan hedduutti dukkaanni cufamuun daldalli dhaabbatee hawaasni mana turuun eegale har’as cimee itti fufee jira.
Magaalota akka Naqamtee fi Maqii keessatti manni baankii cufamuun hojjettoonnis hojii lagatanii jiru.
Daandiin bifa jabaan irra deebiin uggurri irratti sirraate keessaa tokko daandii Jimmaa Wallisoo yoo ta’u guyyaa har’aa sochiin tokko iyyuu irratti hin geggeeffamne.
Godina baha Wallaggaa, Qellem Wallaggaa, Lixa Shaggar, Kaaba Shaggar, Kibba Lixa Shaggar, Arsii Lixaa fi Bahaa, Gujii lamaan fi baha Oromiyaa keessatti labsiin kun akkaan hojii irra ooluun caasaan sirnichaa waan qabatuu fi gadhiisu wallaalee raafamaa jira.
Magaalota naannowaa Finfinnee kan maqaa Shaggar Sitiin beekaman keessa raafamni hamaan kan jiru yoo ta’u oomishni Oromiyaa keessaa ol seenu dhabamuun yaaddoo uumee jira.
Magaalaa Finfinnee keessattis dhiyeessin hanqachuu, gatiin nyaata dabaluu fi hawaasni haala deemaa jiru irraa yaadda’uun sochii Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru irratti dubbachaa akka jiran barameera.
Dhiibbaa lagannaan gabaa fi ugguri geejjibaa marsaa 2ffaan kun bulchiinsa sirnichaa irratti uumaa jiru hubachuunii fi diddaa uummatni sirna qawwee qabu irratti akkasiin sodaa tokko malee geggeessutti rifachuun namoota hidhuu, saamuu, reebuu, manneen daldalaa samsuu fi lakkoofsa gabatee konkolaataa irraa buqqisuu geggeessaa jira.
Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo keessatti konkolaachistoota kan hidhan yoo ta’u, magaalaa Maqii keessatti dargaggoota daandii gubbaa irra deemanii fi bakka tokko taa’anii waliin dubbachaa turan badii tokko malee hidhaniiru
Arsii bahaa ona Zuwaay Dugdaa ganda Ulaa Arbaa keessatti ammoo jalbultii labsii kanaa eegaluun saamichaa fi hidhaa geggeessaniiru.
Tarkaanfii waraanni faashistii PP fudhachaa jiruu fi abbootii qabeenyaa labsii kana cabsanii deemaniif ammoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo akkaataa barbaachisuun deebii kennaa kan jiru yoo ta’u kunis magaalaa Awwadaay, aanaa Qondaala, Toongoo, daandii Wallisoo fi Jimmaa akkasumas bakkoota hedduu keessatti guyyaa har’aa tarkaanfiin barsiisaan fudhatamuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabaasa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beeksisaniiru.
