• Tue. Nov 24th, 2026

Diddaa Uummataa – Naqamtee “Diddaan itti haa fufu! Garboomsaan haa kufu!”

Jan 31, 2024

ONM-ABO Amajjii 31, 2024

Magaalaa Naqamtee keessatti yeroo amma murni faashistii PP sagalee guddistuun magaalaa keessa naanna’ee namootni olola diinaatiin guyyaa lamaan kana manneen daldalaa cuftanii fi konkolaattota dhaabdanii jirtan amma irraa qabaatii hojiitti deebi’aa jechuun hawaasa doorsisaa jiru.

Magaalicha keessaas interneeta cufanii jiru.

Haa ta’u malee hawaasni magaalaa Naqamtee Abiy Ahimed itti deddeebi’ee sababa WBO of keessatti qabattaniif misooma isiniif hojjechuu dinne, nuti mootummaa Oromooti, waliin haa deemnu jedheenii ture, lakki nuti ilma Itoophiyaa ijaaruuf abbaa hin taane, ilma duguggaa sanyii fi saamicha nu irratti raawwatu, daa’imaa hanga beekaa keenyaatti hidhee dararaa jiru, reeffa keenya bineensa nyaachisutti abbaa hin taanu, nu geesse jechaa jira.

Diddaan itti haa fufu

Garboomsaan haa kufu!

Leave a Reply