ONM-ABO Amajjii 31, 2024
Abbootii qabeenyaa labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa fudhachuun konkolaattota isaanii dhaabanii jiraniin amma Kostas konkolaataa keessan waajjira poolisii dhaabaa jedhanii doorsisaa jiru.
Kun ammoo nageenya konkolaataa isaaniif yaadaniitti kaasanis dhumi isaa yeroo lagannaan kun ka’utti abbootii qabeenyaa konkolaataa dhorkachuu, akka itti hin deebine mallatteessisuu fi maallaqa adabaa hanga hidha mana murtiitiin itti murteessuu yaadanii hojii eegalanii jiru.
Kanaafuu abbootiin qabeenyaa konkolaataa keessan mana keessan akkasumas mooraa konkolaataa dhaabdanii jirtanii baastanii akka rakkoo ofi irratti hin finne jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo gorsa Oromummaa isiniif dabarsa!
Diddaan Itti Fufa
Garboomsaan Ni Kufa!
